Waliigaltee Nagaa Yuukireeniif Daangaan yeroo hin kaa’amne- Tiraamp

You are currently viewing Waliigaltee Nagaa Yuukireeniif Daangaan yeroo hin kaa’amne- Tiraamp

‎AMN PLUS-Mudde 20/ 2018

‎Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, marii kaleessa Filooriidaatti gita isaanii Yuukireen Vooloodmiir Zeleniskii waliin taasisan booda, waliigaltee nagaa Yuukireen ilaalchisee daangaan yeroo akka hin kaa’amne beeksisan.

‎Kanumarraa ka’uun barri faranjootaa 2025 xumuramuuf yeroo guyyootni qubaan lakkaa’aman hafan kanatti waliigalteen nagaa eegamu jiraachuufi dhiisuu ilaalchisee deebii akka hin kennamin BBC’n gabaaseera.

‎Tiraamp “ Ani daangaa yeroon kaa’u hin qabu. Daangaan koo maal seetan? Waraanichi akka dhaabbatudha” jechuun dubbataniiru.

‎Rakkoo Yuukireen furuun akka ulfaatu kan kaasan Tiraamp carraan waliigaltee irra gahuu akka jiru garuu ibsaniiru.

‎Zeleniskiin gama isaaniin mariin Tiraamp waliin taasisan Wixinee Qabxiiwwan 20 nagaa Yuukireen irratti fuuleffachuu ibsuun, jilli isaanii tarsiimoo kana hubachuufi adeemsaan nagaa mirkaneessuun haala dandeessisu kaasuu ibsaniru.

‎Gama biraan, Pirezidaant Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaanii “Truth Social” irratti Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin wajjinis bilbilaan marii bu’a qabeessa akka taasisan ibsuu isaanii ‘Xinhua”n gabaaseera.

‎Marii Tiraampiifi Zeleniskiin Filooriidaatti taasisaniin haaldureewwan dhukaasa dhaabuu, naannolee meeshaa waraanaa irraa bilisa ta’an, haala bulchiinsa warshaa gabbisa anniisaa niwukilaraa “Zaporizhzhia” fi dhimmoota biroo irratti akka mari’atan eegamee kan tures yoo ta’u, gamni lamaanuu ibsa bal’aa kennuu irraa of qusataniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply