Arsenaal vs Astoon Viillaa, beellama xumuraa bara 2025

You are currently viewing Arsenaal vs Astoon Viillaa, beellama xumuraa bara 2025

AMN PLUS-Mudde 21/2018

Addunyaan kubbaa miilaa bara 2025 gaggeessuuf fiixerra gaheera.

Keessattuu pirimeerliigiin Ingilaandi bifa gaggeessaa barichaa fakkaatuun galgala kana taphoota hedduu keessummeessa.

Kanneen keessaa beellamni torbee 19ffaa pirimeerliigii Ingilaandi Arseenaal vs Astoon Viillaa iccitii hedduu of-duubarraa qaba.

Arseenaal tapha kana imala shaampiyoonummaa shallaggii herregaan itti fufsiisuuf akka ijibbaataatti ilaala.

Astoon Viillaan waggoota muraasaa as Arseenaaliif mataa dhukkubbii tahuu waan hawaasni ispoortii idil addunyaa beekudha.

Arseenaaliif yaaddoo biroo kan tahu ammoo gahumsa addatti torbanota muraasaa as itti fufiinsaan Viillaan agarsiisaa jirudha.

Gama Arseenaaliin jalqabbiin isaa bara kanaa miidhagaa tahus dhiyeenyaa as garuu galchii lakkoofsiisuun injifachuu caalaa kilaboota faallaa isaa hiriiran irraa deeggarsa sa’atii gara dhumaa eeguun waan bartee tahaa dhufe fakkaateera.

Haata’uuti Arseenaal bara kana waan ittiin of-jajjabeessu keessaa dirree isaa irratti anniisaan qabu hagas mara harka hin kennisiisu.

Ispeenotni leenjistootni kilaboota lameen galgala kana beellama qabanii Arseenaaliifi Astoon Viillaa, Mikeehel Arteettaafi Unaayi Eemirii dirree irratti miira wal-fakkaataan deeggartoota kubbaa miilaa qalbii fuudhuu tolchan itti beeku.

Taphicha Arseenaal dirree isaatti dhimma bahuun kan injifatu taanaan imala shaampiyoonummaa liigichaa dheereffata.

Astoon Viillaan miira injifannoo torbanota muraasaa as agarsiisaa jiru itti fufsiisuun qabxii 3 kan argatu taanaan galchiin caalamee sadarkaa 2ffaa liigichaa qabachuuf carraa qaba.

Ammoo warri Arseenaal beellamni galgala kanaa lafa itti kaanuus, itti kufnus tahuu malaan jalqabaafi dhuma keenya akka jechuutti taphichaaf ergaa gudunfataniiru.

Beellamni Arseenaal vs Viillaa halkan walakkaatti siiqee sa’atii 5:15 tti eegala.

Taphoota biroon Maanchistar Yuunayitid Wolviis, Cheelsiin Baarnimaawuz waliin tapha taasisaniin bara 2025 tti nagaa dhaammatu.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply