AMN PLUS- Bitootessa 02/2018
Humni Qilleensaa Itoophiyaa hoggansa gahumsa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.
Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa Kolleejjii Hoggansa Akkaadaamii Humna Qilleensaa keessatti qondaaltoota olaanoo torban shaniif leenjii hoggansa waraanaa fudhachaa turaniif leenjii muuxannoo wal jijjiirraa kennnaniiru.
Leetenaal Jeneraal Yilmaan muuxannoo qoodaniin “hoggansa jechuun kaayyoo dhaabbateef cichoomee fedhii biyyaa fi dhaabbataa kan milkeessu malee jechaan qofa kan ibsu akka hin taane hubachiisuun hogganaan hojii isaan kan madaalamu ta’uu ibsaniiru.
Hogganaan waraanaa yeroo tilmaamamuu hin dandeenyeefi gabaabaa keessatti murtoo sirrii murteessuu kan danda’u ta’uu eeraniiru.
“Hoggantoonni Raayyaa ittisaa yeroo nagaa lolaaf qopheessuu bira darbee dandeettii xiinsammuufi teeknikaa walitti qindeessuun ergama kamiifuu qopheessuutu irra eegama” jedhan.
Humni Qilleensaa wayita amma balaalistoota, injiinarootaafi teeknishaanoota qulqullinaafi gahumsaan horachuu Leetenaal Jeneraal Yilmaan himaniiru.
Hoggansa dandeettii olaanaa kana qindeesse hogganuufi lolu horachuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti jechuun ibsaniiru.
Haaluma kanaan qondaaltootni olaanoon kunneen ergama itti kenname sirnaan bahachuu fi fakkeenya ta’uu akka qaban kallattiin kennamuu ibsa Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa AMN’f ergeen beeksiseera.