Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan yeroo shan shan wal injifachuun yeroo shan ammoo mee turi dubbiin haa bultuu jedhan; RM vs Siitii

You are currently viewing Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan yeroo shan shan wal injifachuun yeroo shan ammoo mee turi dubbiin haa bultuu jedhan; RM vs Siitii

AMN PLUS – Bitootessa 02/2018

Galgala si’oominaan eegamu tapha mo’atanii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan kilabootni 8 beellama wal-biraa qabu.

Arseenaal kilabni waltajjii tapha Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kanaatiin tapha tokkollee osoo hin mo’amiin as gahe kilaba Bundeesligaa Jarman Baayer Leeverkuseeniin keessummeeffamuuf galgala sa’atii 2:45 tti gara dirree seena.

Kilabootni lameen waltajjii akkasiitiin waggoota 25 booda har’a walitti deebi’uu jechuudha.

Taphni kun tapha salphaas tahuu baatu haala ittiin dhufeen Arseenaal ni injifataan tilmaana duraa argateera. Ammoo dubbii kubbaa miilaa tahuu dagachuun namarra hin jiraatu.

Tapha jabaa galgala kanaa kan jedhame Maanchistar Siitiin morkataa isaa kilaba Ispeen Riyaal Maadriid warra waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan michooma jabaa qaban argachuuf garasitti qajeelera.

Kilabootni lameen waggoota shanan darban osoo addaan hin kutiin walitti deddeebi’uun baay’ee wal-nuffisiisaniiru.

Walumaagalatti kan galgala kanaa dabalatee beellama isaanii 16ffaadha.

Kan darbeen yeroo shan shan wal injifachuun yeroo shan ammoo mee turi dubbiin haa bultuu bara dabarre dubbanaa waan jedhan fakkaatu. Qixa bahan jechuudha.

Tapha Riyaal Maadriid vs Maanchistar Siitii galgala sa’atii 5:00 tti eegalu eenyutuu injifata jettan yaaddu?

PSG kilabni dureessi warra Faransaay Cheelsii dargaggoota hiriirsisuun Addunyaan kubbaa miilaa isaan beeku Paarki De Pirinsitti waamaniiru.

Kilabootni lameen tapha waancaa kilaboota Addunyaan wal-morkachuun Cheelsiin Shaampiyoonaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara darbee rifasiisuun PSG’n tapha har’a galgalaan duubatti haaloo yeroo darbees irraa qaba.

Taphni halkan sa’atii 5:00 tti eegalu kun hawwataa tahuu akka malu gamanumaa xiinxalameera.

Tapha biroo Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa galgala kanaan Boodoo Giliimti Ispoortiin Lizbeen waliin beellamni qabanis akkasuma galgala sa’atii 5:00 tti eegala.

Iddoosaa Abdiitu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply