Dhaabbileen Qalmaa Finfinnee fi Shaggar foon nageenyi isaa eegame dhiyeesssuuf waliigalan

You are currently viewing Dhaabbileen Qalmaa Finfinnee fi Shaggar foon nageenyi isaa eegame dhiyeesssuuf waliigalan

AMN PLUS-Mudde 23/2018

Dhaabbanni Qalmaa Magaalaa Finfinnee qalma horii karaa ammayyaa fi nageenyi isaa eegameen raawwachuun foon nageenyi isaa eegame dhiyeessuun, fayyummaa lammiilee fi qulqullina naannoo eeguuf murteessaa ta’uu beeksise.

Dhaabbileen Qalmaa Magaalaa Finfinneefi Magaalaa Shaggar keessa jiran gamtaan waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalteen kunis Dhaabbilee Qalmaa Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Shaggar keessatti argaman saddeet gidduutti, haala ammayyaa’een qalmi fayyaan isaa ogeeyyii fayyaan mirkanaa’e foon loonii, hoolaa, re’ee, booyyee fi gaalaa akkasumas gogaa sadarkaa isaa eeggate,hafteewwan oomishaa qulqullinaan gabaaf dhiyeessuuf kaayyoo godhatee akka hundaa’e ibsameera.

Qalma karaa seeraa qabeessaan raawwachuun fayyummaa lammiileefi qulqullina naannoo eeguuf murteessaa akka ta’e Hoji Gaggeessaan Olaanaa Dhaabbilee Qalmaa Magaalaa Finfinnee Obbo Muluunaa Dassaaleny ibsaniiru.

Dhaabbileen Qalmaa Magaalaa Finfinnee Fi Magaalaa Shaggar waliin ta’uun qalma seeraan alaa ittisuuf akkasumas rakkoolee gama hundaan mudatan hanbisuuf waliigalteen waloo mallatteeffame gumaachaa olaanaa akka qabu Hoji Raawwachiisaa Itti Aanaan Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Misooma Mootummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Fiqiree Gixaawu dubbataniiru.

Hojiin qulqullina qalmaa kunis fayyadamummaa lammiileefi qulqullina naannoo eeguuf akkasumas kaayyoo magaalota bakka gahuumsa tuuristootaa taasisuuf qabame milkeessuuf gumaacha olaanaa akka qabu Hojii Gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaala Shaggar Obbo Caalaa Lammii ibsaniiru.

Dirribaa Yaadataatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply