Kabaja hundeeffama waggaa 75ffaa Yunivarsiitii Finfinnee sababeeffachuun marii hayyoota waliin kan taasisan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gaaffilee ka’aniif deebii kennaniiru.
Hirmaannaa hayyootaa guddina diinagdee teekinooloojiin deggaramu keessatti qabaniin wal qabatee gaaffilee ka’aniif deebii yoo kennan, hayyoonni damdaneessan diinagdee Itoophiyaa keessatti hirmaachuu akka qaban kaasaniiru.
Sana qofas osoo hin taane hirmaannan heddumminaas akka barbaachisuu ibsaniiru.
Dabaluunis yoo waa’ee diinagdee Itoophiyaa ibsan duraan maddi albuudaa Itoophiyaa keessatti wiirtuu walutti bu’insaati kan jedhan Dooktor Abiyyi amma sun hunduu jijjiirameera jedhu.

Fakkeenyaaf barana baatii jaha keessatti qofa warqiin alatti ergamee yoo shallagamu bu’aadhan, Itoophiyaan erga uumamtee hagana argattee akka hin beekne kaasan.
Jijjiirama diinagdee kanaaf hirmaannan hayyoota akka barbaachisus Dooktor Abiyyi ibsaniiru.
Mariidhaan waldhabdee yaada hiikuu irratti hanqinni akka jiru gaaffii ka’eef Ministirri Muummee deebii yoo kennan, marii hunda hammaateen akka mari’atamuuf murtiin kenname salphaa akka hin turin dubbataniiru.
Seena biyya kanaa keessatti waa’ee siyaasaa yaaduun waa’ee teessoo qofaarratti kan xiyyeeffate malee jijjiirama biyyaaf akka hin ta’in irra deddeebin mul’achaa akka ture ibsaniiru.

Kana jijjiiruuf aadaa marii fooyyesuufi teekinooloojii fayyadamuun akka barbaachisu Dooktor Abiyyi ibsaniiru.
Gaaffii sirna barnoota ilaalchisuun hayyoonni gaafataniif deebii kan kennan Dooktor Abiyyi, gaafii bu’uuraafi furmaata guddaa kan barbaaduu ta’uu ibsaniiru.
Kanaaf ammoo sirni barnoota cimuu kan qabuu, kalaqaafi ogummaan kan deeggaramee akkasumas teekinooloojii ammayyaa faana deemuu kan qabu akka ta’e ibsaniiru.
“Kanaaf Yunivarsiitiin AI uumuun kan nu barbaachife” jechuunis Dooktor Abiyyi dubbataniiru.
Shuumii Badhaasootu qindeesse