Chelsiin Leenjisaa Liyaam Rozeniyoor qacare

You are currently viewing Chelsiin Leenjisaa Liyaam Rozeniyoor qacare

AMN PLUS – Mudde 28/2018

Chelsiin leenjisaa ganna 41 Liyaam Rozeniyooriin qacaruu ifoomse.

Leenjisaan kilaba Istiraasburg kan ture kun waliigaltee haga bara 2032tti isa tursu mallaatteessuu dhaga’ameera.

Kilaba Faransaayi Istiraasburg dursuun taphoota 63 taasisee, 32 injifachuun, 14 moo’amee, 17 qixaan xumureera.

Kilaba kana waliin goolii 109 galmeessuun gooliiwwan 81 keessummeesse. Liigii Faransaayiinis sadarkaa 7ffaarraa ture.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply