Pirimeerliigiin Ingilaandi torbeen 21ffaa gara halkan walakkaatti siiqee tapha jabaa tokkoo keessummeessuuf deema.
Arsenaal kilaba liigicha dursaa jirutu Liivarpuul shaampiyoonaa liigichaa bara darbeef beellama qabeera.
Arsenaal imala shaampiyoonummaa liigichaa bara kanaaf carraa bal’aa qaba.
Liivarpuul ammoo gahumsa bara kana agarsiisaa jiruun hagas mara milkaa’us baatu garuu kilaboota murasaa morkataa isaanii galgala kanaa barana Arsenaaliin injifatan keessaa isa tokkodha.
Haata’uti haaloo tapha darbee dabalatee gahumsi Arsenaal barana dirree isaa irratti agarsiisaa jiru ammoo Liiverpuuliin harka kenniisisuu akka danda’u xinxala argateera.
Taphataan Liiverpuul Soboozilaay injifannoo marsaa jalqabaa irra deebiin Arsenaaliin yaadachiisnaan yoo dhaadatu gama Arsenaalii ammoo Liveerpuul irratti gahumsa bareedaa lakkoofsotni dhugoomsan kan qabu Maartineeliin taphattoota kilabichaa abdataman keessaati.
Beellamni Arsenaal vs Liivarpuul galgala kanaa olaantummaa Arsenaaliin kan goolabamu taanaan leenjisaan Liivarpuul Arnee Isloot gaggeeffamu akka danda’an xiinxalameera.

Dubbiin Liivarpuuliif qajeeltee Arsenaal dirree isaa irratti qabxii dabarsee morkataa isaa Liivarpuuliin kan badhaasu taanaan teessumni leenjisaa Arsenaal socho’uu akka eegalu tilmaamuun nama hinrakkisu.
Arsenaalin itti dhiyeenyaan hordofaa kan jiru Siitiin torbee 21ffaa liigichaan qabxii gateera.
Carraa kanaan Arteettaan qabxii walitti hinqabatu taanaan dubbiin bara baraan kilaboota shaampiyoonaa tahaniif bakka qabuu Arsenaal itti fufuu akka danda’u ni tilmaamama.
Liivarpuul kilaba salphaa miti.Sanuu shaampiyoonaa liigichaa bara darbeeti.
Arsenaaliinis akka bara darbeetti yaaduun gingilchaatti akka nama bishaan warabuuti.
Beellamni kilaboota lameenii halkan sa’atii 5:00 tti bakka qabata.
Isiin hawaasni ispoortii kubbaa miilaa yaada maalii qabdu?
Iddoosaa Abdiitiin