Kabajni Ayyaanni Cuuphaa bara 2018, Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii hundumatti milkaa’inaan xumuramuu Poolisiin Federaalaa beeksise.
Poolisii Federaalaa, qaamolee nageenyaa biroo waliin qindaa’uun, eegumsa teekinooloojiin deeggarame taasisaa turuu eereera.

Bu’iura ergama biyyaalessaa fudhateen nagaafi tasgabbii uummataaf dursa kennuun ayyaana Kataraa irraa eegalee haga ayyaanni Cuuphaa xumuramutti eegumsa gahaafi amansiisaa gochaa turuu ibsa AMN’f ergeen beeksiseera.