AI misoomsuun maallaqa seeraan alaafi deggersa shororkeessummaaf oolu to’achuuf waliigalteen mallatteeffame

You are currently viewing AI misoomsuun maallaqa seeraan alaafi deggersa shororkeessummaaf oolu to’achuuf waliigalteen mallatteeffame


AMN PLUS- Amajjii 19/2018

‎Maallaqa seeraan alaa fi deeggarsa shororkeessummaa maallaqaan taasifamu ittisuuf sirna hubannoo namtolchee (AI)’n hojjetu misoomsuuf waliigalteen mallattaa’eera.

‎Waliigalticha kan mallatteessan Daayirektara Olaanaa Inistitiyuutii Artifishaal Intelejensii Itoophiyaa Injinar Warquu Gaachanaa (PhD) fi Daayirektara Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluqan Amaaree dha.


‎Injinar Warquu Gaachanaa (PhD) galmi waliigaltee kanaa nageenya damee faayinaansii eegsisuu akka ta’e ibsaniiru.

Maallaqa seeraan alaa seera qabeessa fakkeesuun dhiyeessuuf adeemsa taasifamu durasnii ittisuuf akkasumas maallaqa shororkeessummaa deggeruuf oolu to’achuuf, sirna ‘AI’ misoomsuuf akka karoorfames kaasaniiru.


‎Sirnichi hubannoo namtolchee (AI) irratti kan hundaa’e yoo ta’u, yakkoonni walxaxaa ta’an osoo hin raawwatamiin dursa ittisuu fi rakkooleen yeroo uumaman miidhaa guddaa osoo hin qaqqabsiisiin saffisaan furuuf kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru.

‎Sirna kana misoomsuuf hojiin haal dureewwanii hojjetamaa akka ture eeruun, hojii sadarkaa idil addunyaa eeggate hojjechuun yeroodhaan dhiyeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

‎Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluqan Amaaree gama isaaniin, Itoophiyaan akka miseensa Waldaa Dhaabbilee Faayinaansii fi Taaski Foorsii Tarkaanfii Faayinaansii Addunyaatti odeeffannoo yakka faayinaansii biyyoota biroo waliin akka wal jijjiirtu ibsaniiru.


‎”Maallaqa seeraan ala argame akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu fi shororkeessummaa maallaqaan deeggaruun yakkoota walxaxaa fi daangaa ce’aa waan ta’aniif deeggarsa teekinooloojii barbaachisa” jedhani.

‎Misoomni sirnichaa yakkoota wal-xaxaa qolachuuf biyyootaa fi qaamolee seera kabachiisan waliin ta’uun yakka irraa bu’aa argachuun akka hin danda’amne agarsiisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

‎Itoophiyaan sirna maallaqa seeraan alaa argamee akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu, yakkoota maallaqaa deeggarsa shororkeessummaaf oolan ittisuu fi nageenya ishee mirkaneessu misoomsuun ishee, biyyoota Afrikaa hedduuf fakkeenya ta’ee tajaajila jechuu isaanii ibsi Inistitiyuutichi AMN’f ergeen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply