Finfinneen hojiilee misoomaatiin tuuristoota hawwataa jirti- Ogeessa Tuurizimii Obbo Faantaa Bayyanaa

You are currently viewing Finfinneen hojiilee misoomaatiin tuuristoota hawwataa jirti- Ogeessa Tuurizimii Obbo Faantaa Bayyanaa

AMN PLUS-Amajjii 21/2018

Biyyoota Afriikaa tuuristootaan daawwatamuun sadarkaa sadarkaa 1ffaa hanga 10ffaa jiran keessaa Itoophiyaan ishee tokko ta’uu ragaa bara faranjootaa 2025 eeruun dubbatu, Ogeessa Tuurizimii kan ta’an Obbo Faantaa Bayyanaa.

Sababaa hojiileen misoomaa garaa garaa nama irratti xiyyeeffatan Finfinnee keessatti hojjatamaniif, tuuristootni magaalattii daawwachuuf daran hawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Akkuma addunyaatti gumaachi tuurizimiin diinaagdee keessatti qabu olaanaa ta’uu kan dubbatan Obbo Faantaan, Finfinneen onnee tuurizimii Itoophiyaa ta’uu ishee irraa kan madde, hojiiwwan misoomaa hojjatamaa jiran, tuuristoota hawwachaa jiraachuu kaasu.

Finfinneetti hojiiwwan hojjatamaa jiran keessaa misoomni kooriidarii isa tokko yoo ta’u, qalbii hawaasa idil-addunyaa harkisaa jiraachuu dubbatu.

Dabalataniis, hojii dhabdummaa hir’i’suuf tuurizimiin lammiilee hedduuf hojii uumuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu eeraniiru.

Itoophiyaa keessattis iddoowwan hawwata tuuriziimii kan duraanii suphuu fi haaraa ijaaruun hojiilee baay’een akka hojjetame hayyuun kuni ibsaniiru.

Akka biyyaatti iddoo hawwata tuurizimiif oolan kan haaromfaman kanneen akka Masaraa Jimmaa Abbaa Jifaar, Holqa Soofumar, Masaraa Mootii Faasilidas akkasumas kanneen biroo tarreessuun akka danda’amuu ogeessi kun himaniiru.

Magaalaa Finfinnee keessattis hojiileen gama tuuriziimiitiin hojjetaman hedduu akka ta’an ibsuun, bu’aan tuuristoota hawwachuun argamsiisaa jiran dabalaa akka jirus ibsaniiru.

Keessattu misooma kooriidarii wajjiin walqabatee haalli mijataan geejjibaaf uumame caalaatti tuuristootaaf hawwatummaa dabaluu dabalatee Finfinnee keessa socho’uuf mijataa akka ta’e Obbo Faantaan dubbataniiru.

Misoomni kooriidarii Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman daandiiwwan magaalaa keessaa qofa miidhagsuufi bal’isuu qofa osoo hin taanee hoteelota magaalatti keessatti argamanis haaromsuun tajaajila tuuristootaaf mijataa taasisuu kaasaniiru.

Hoteelonni kunneen haarofamuu qofa osoo hin taane akkaata tuuristoota biyyaa alaa simachuufi keessummessuu danda’aniitti sadaarkaa isaanii waliin akka haaromfamaniis ibsaniiru.

Hojiilee misoomaa Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetameen hoteelota gurguddoo dabalatee galmoonni walgahii yaa’ii addunyaa gurguddaa keessummeessuu danda’an waan ijaaramaniif Magaalaan Finfinnee giddu gala konfiransii tuuruzimii illee ta’uu akka dandeesse dubbataniiru.

Itoophiyaatti imalli tuuristootaa dabaluu hordofee dhaabbilee gurguddoo irraa kaasee hanga namoota kophee qulqulleessaniitti carraan hojii kan uumame tahuu eeraniiru. Akka biyyaattis galiin irraa argamaa jiru guddina biyyaaf murteessaa ta’uu himaniiru.

Tuuristootni aadaa fi duudhaa akkasumas seenaa, qabeenyaafi hambaalee Finfinnee fi Itoophiyaa keessa jiran baruu fi bakka deemanitti maqaa gaarii biyyattii beeksisuu keessatti gumaachi isaanii olaanaa akka ta’e Obbo Faantaa Bayyanaa turtii AMN PLUS waliin taasisaniin taasisaninibsaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply