AMN PLUS-Amajjii 21/21018
Itoophiyaan humna nageenya kabachiisu biyyoota ollaatti bobbaasuu cimsitee itti fufuu Hogganaa Olaanaan Qajeelcha Bulchiinsa Qabeenya Humna Namaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaal Jeneraal Acaaluu Shallamaa ibsan.
Leetenaal Jeneraal Acaaluun, humna nageenya kabachiisaa haaraa Ergama Gamtaa Afriikaa Tasgabbii fi Deggersaa Somaaliyaa ‘AUSSOM’tti bobba’u ilaalchisee, ulaagaalee filannoo fi madaallii, ijaarsa akkasumas qindoomina humnaa irratti giddu gala Leenjii Kontinjentii Huursootti argamuun ibsa kennaniiru.
Dhaabbannis ergama itti kenname fudhachuun nageenya kabachiisuuf humnootni nageenyaa bobba’an dandeettiifi gahumsa cimaan dirqama itti kenname akka bahatanis hojjechuun humna amanamaa uumuun akka danda’ame ibsaniiru.
Itoophiyaan humnoota nageenya kabachiisan biyyoota ollaa keessatti bobbaasuudhaan qulqullinaa fi dandeettii guutuudhaan qophii cimaa taasisuun kabajaa fi maqaa guddaa akka argates Leetenaal Jeneraal Acaaluu Shallamaa dubbataniiru.
Ulaagaalee filannoo fi madaallii, akkasumas ijaarsa fi qindoomina humnaa ilaalchisee, leenjichi qorannoo dandeettii qaamaa fi sakatta’iinsa fayyaa (medical screening) milkaa’inaan akka raawwatames eerameera.
Humnootni nageenyaa Ergama Gamtaa Afriikaa Tasgabbii fi Deggersaa Somaaliyaa ‘AUSSOM’tti bobba’an leenjiifi qorannoo barbaachisuu fudhatanii akka qophaa’an Ajajaan Mana Barumsaa Leenjii Kontinjentii Huursoo Birgaadeer Jeneraal Addisuu Tarfaasaa ibsuu isaanii odeeffannoo Onlaayiniin Raayyaa Ittisa Biyyaa AMN’f erge ni mul’isa.