AMN PLUS – Amajjii 26/2018
”Finfinneen magaalaa namootni bebbekamoon biyya alaa irraa dhufan dinqisiifatan taatetti” jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)
Dr. Abiyyi gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan dhiyaataniif deebii kennaa jiru.
Dr. Abiyyi walga’ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa gaggeeffamaa jiruun jijjiirama magaalaan Finfinnee irra jirtu ilaalchisee ibsa kennaniin, Finfinneen hojiiwwan boonsaa hojjetteen magaalaa namootni bebbekamoon biyya alaa irraa dhufan dinqisiifatan tahuu kaasaniiru.

Yaa’insi tuuristii Itoophiyaatti akka dabale kan kaasan Dooktar Abiyyi, Finfinneen yaa’iiwwwan idil addunyaa hedduu keessummeessaa akka jirtu illee ibsaniiru.
Finfinnee keessatti misooma koriidariin wal qabatee manneen nyaataa hedduun ijaaramaa jiraachuu kaasanii, jijjiiramni mul’ate kunis bu’aa qaamoleen hawaasaa deeggaruun halkaniif guyyaa hojjechuun argame tahuu Dr. Abiyyi eeraniiru.
Daraartuu Tarreessaatu Gabaase