AMN PLUS- Amajjii 28/2018
Hattuuwwan bilbila harka namootaa hatuudhaan akkasumas ‘Telegram hack’ gochuun, namoota beekaniitti ergaa sobaa kan akka “rakkoon na muudateera, maatiitu na jalaa dhukkubsate, maallaqa naaf liqeessaa” jedhu erguun gocha burjaajessuu fi saamichaa raawwachaa turan to’annoo jala ooluu isaanii, Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Qunnamtii fi hordoffii bu’uura godhachuun, Qajeelchi Poolisii Kutaa Magaalaa Addis Katamaa, buufata Poolisii naannawa Massaalamiyaa waliin ta’uun shakkamaa Muudii Huseen jedhamu Amajjii 26, 2018 waaree booda sa’aatii 10:00 irratti naannawa Abdoo Barandaa jedhamutti to’annoo jala oolcheera.

Poolisiin erga shakkamaa kana to’annoo jala oolchee booda qorannoo bilbila isaa irratti taasiseen, bilbiloota harkaa lama kan ittiin yakka raawwachaa ture, lakkoofsota herrega Baankii 20 kanneen maallaqni itti ergamaa turee fi Sarara Bilbilaa (SIM Cards) 72 qabeera.
Poolisiin qorannoo isaa bal’isuun shakkamtoota biroo lama, Abbaas Abduu fi Alii Saanoo Nuurii jedhaman konkolaataa RAV4 lakkoofsa gabbaatee 2-B85392 A.A ta’een otoo socho’anii bilbiloota 6 fi Siim Kaardii 7 waliin qabamaniiru.
Namootni gochi akkasii isaan irratti raawwatame buufata Poolisii Kutaa Magaalaa Addis Katamaa deemuun akka gabaasan Poolisiin dhaameera.
Hawaasni ammoo ergaan bilbila namoota hin beekamne irraa “gargaarsa yookaan maallaqa naaf liqeessaa” jedhu yoo isa bira gahe, bilbiluudhaan eenyummaa isaa mirkaneeffachuun akka qabu ibsa Poolisiin Magaalaa Finfinnee AMN’f ergeen dhaameera.