‎Itoophiyaatti boba’aan rakasa– MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing ‎Itoophiyaatti boba’aan rakasa– MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS-Amajjii 28/2018

‎Gaaffilee yeroo dhaa yerootti jijjiiramuu gatii boba’aa ilaalchisuun Miseensotni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad deebii kennaniiru.

‎Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi, ibsa kennaniin, “Tasgabbii dhabuu biyyoota Baha Fagoo addunyaa irraan kan ka’e gatiin boba’aa gabaa idil-addunyaa yeroo dheeraaf tasgabbaa’ee akka hin turre” eeraniiru.

‎Haalli kunis yeroo gara yerootti gatiin boba’aa akka dabaluu fi hir’atu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Kanarraa ka’uun , “yeroo gatiin boba’aa addunyaa irratti dabalu Itoophiyaattis ni dabala; yeroo hir’atus akkasuma ni hir’ata” jedhaniiru Dooktar Abiyyi.

‎Biyyoonni guddatan hedduun gatii boba’aa isaanii guyyaa guyyaan akka jijjiiran ibsuun, uummata Itoophiyaa miidhaa irraa baraaruuf bara darbe waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti si’a torba qofa jijjiirraan gatii boba’aa akka taasifame himaniiru.

‎Dabalataanis, “Boba’aan Liitira tokko magaalaa Jibuutii keessatti birrii 269, Naayiroobiitti birrii 220, Kaampaalaatti birrii 218’dha, Finfinneetti garuu gatiin boba’aa birrii 129’dha” kan jedhan Ministirri Muummee kunis gatii seera qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan osoo boba’aa fi buufata doonii hin qabaatin, gatii biyyootni ollaa ittiin gurguraa jiranii gaditti boba’aa gurguraa jiraachuu kan eeran Dooktar Abiyyi, kunis sababa deeggersa olaanaa mootummaan boba’aa alaa galu irratti taasiseen akka ta’e himaniiru.

‎Haa ta’u malee, osoo mootummaan deggarsa taasisaa jiruu rakkooleen boba’aa yeroo ammaa mul’atan akka jiran kan himan Dooktar Abiyyi, sababni guddaan rakkoo kanaa sirna qabiinsaafi daldala boba’aa ta’uu isaa dubbataniiru.

‎Rakkoo kana furuufis hojii atoomeeshinii (automation) bal’aan hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.

‎Hojiin atoomeeshinii kunis bootteewwan boba’aa fe’anii buufata doonii irraa imalan hanga buufata boba’aa gahanitti hordofuu, akkasumas buufata boba’aa hundarratti to’annoofi hordoffii cimaa diriirsuun kan hojjetamu ta’uu isaa akeekaniiru.

‎Walumaagalatti yoo ilaalamu, deggarsa mootummaa, daballi galii, walitti hidhamiinsa gabaa fi sagantaalee sirna gabaa Zamaniin dabalatee fooyya’insa gatii ibsaa, bishaanii fi boba’aa irratti hojii hojjetameen bu’aan olaanaa akka argame Ministirri Muummee dubbataniiru.

‎Haaluma kanaan, “Waggaa dheeraaf hin danda’amu jedhamee yaadamaa kan ture qaala’iinsi %9.7 gadi bu’uu danda’eera” ibsaniiru.

‎“Kuni ammoo injifannoo guddaadha” kan jedhan Ministirri Muummee, “hojii hojjatame xiqqeessuu qofa osoo hin taane kan hafe dabaluun hojjachuu qabna” jedhaniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply