Feestivaalli biskileetii bilisaan jiraattota Finfinneef qophaa’uf jedhame

You are currently viewing Feestivaalli biskileetii bilisaan jiraattota Finfinneef qophaa’uf jedhame

AMN PLUS – Amajjii 27/2018

Dilbata dhufu feestivaalli biskileetii bilisaan jiraattota Finfinnee hirmaachisu akka gaggeeffamu ibsame.

Feestivaalichi qindoomina Biiroo Geejjibaa Finfinnee, Komiishinii Turizimii Finfinnee, Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Finfinnee akkasumas Naaf Komiishiniin qophaa’a jedhameera.

Feestivaalichi Finfinnee Paarkii Araadaatti akka gaggeeffamu kan ibsame yoo tahu jiraataan magaalatti kamiyyuu hirmaachuu danda’a jedhameera.

Misooma koriidarii Finfinneetti marsaa lamaan hojjetameen daandiin biskileetii kiiloo meetira 241 feestivaalichaaf haala mijataa uumaan kan dubbatan Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee obbo Asmaraawu Birhaanee aadaa geejjiba biskileetaa fayyadamuu akka babal’isu ibsaniiru.

Feestivaalichi gama biroon akkaataa itti fayyadama daandiiwwan bulchiinsa magaalattiin hojjetamaniirratti hubannoo uumuufillee carraa tokko tahus obbo Asmaraawu himaniiru.

Taateewwan ispoortii akkasii iddoowwan gahumsa turizimii magaalatti beeksisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu kan ibsan moo Komiishinara Itti Aaanaa Komiishinii Turizimii Finfinnee Komiishinar Biiniyaam Taayyeeti.

Feestivaalichi Dilbata ganama 2:00 – 5:00 tti qaama misooma qarqara laggeen Finfinnee keessaa tokko kan tahe Paarkii Araadaatti gaggeeffama jedhameera.

Feestivaalli biskileetii bilisaan jiraattota Finfinnee hirmaachisu kun kahumsa isaa riqicha Raas Mokonnin taasifachuun kutaalee hawaasaa daa’imman, dargaggoota, ga’eessoota, ispoorteessitoota, namoota bebbeekamoofi dhiibbaa uumtoota ni hirmaachisa jedhameera.

Ashannaafii Balaayiituu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply