AMN PLUS – Amajjii 27/2018
Pirezidantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir nama lubbuun hin jirre marii dhimma filannoo akka gaggeessuuf erga muudanii booda gargaartota isaanii olaanoo lama hojiirraa geggeessan.
Namni waggaa 5 dura lubbuun darbe Istuuwaard Soroobaa Budiyaa Pireezidant Saalvaa Kiiriin gaafa Amajjii 30 muudamni isaa ifoome.
Haa tahu malee, miidiyaaleen biyya keessaa namni kuni waggaa shan dura du’uu erga gabaasanii booda pirezidantichi Pirees Seekireetarii isaanii Deevid Amoor Maajor akkasumas Waajjira Pirezidantii keessatti hogganaa dhimma bulchiinsaa kan ta’an, Vaalentinoo Del Maaluwet, hojiirraa ari’aniiru.
Pirezidant Kiir, lamaan isaanii hojiirraa gaggeeffamuu isaaniin ”gammaduu” ibsuun, hojii kana dura hojjetaniif ”galata guddaa” akka qaban eeraniiru.
Pirees Seekireetariin isaanii Deevid Amoor Maajor, eeruu qooda fudhattoonni kennan irratti hundaa’uun miseensa paartii mormituu Yuunaayitid Demookiraatiik Paartii (UDP) kana muudamuu isaa ifoomsuu himeera.
Maddi: BBC