AMN PLUS-Amajjii 27/2018
Poolisiin Federaalaa lakkoofsa gabatee konkolaattotaa jijjiiruu isaa beeksiseera.
Hogganaan Qajeelcha Waliigalaa Loojistiksii Poolisii Federaalaa Komishinarri Gargaaraan Isheetuu Fiixaa ibsa kennaniin lakkoofsi gabatee konkolaattotaa Poolisii Federaalaa waggoota 50 oliif tajaajila kennaa ture wal fakkeenya kan hin qabneefi to’annoof kan hin mijanne ta’uu himaniiru.
Lakkoofsi gabatee konkolaattotaa Poolisii Federaalaa inni haaraan teeknooloojiin kan deeggarame fi kuusaa odeeffannoo waliin walitti hidhamiinsa kan qabu ta’uu isaas kaasaniiru.
Lakkoofa gabatee haaraa kana tooftaa al-seerummaan baay’isuun kan hin danda’amnee fi sochii hojii Poolisii Federaalaa si’eessuuf qooda olaanaa akka qabus ibsaniiru.
Jijjiirraan lakkoofsa gabatee konkolaattotaa kunis tajaajila Poolisii Federaalaa guddisuu keessattis gahee olaanaa akka qabu eeruun, hojii qorannoo fi ittisa yakkaa si’eessuuf kan gargaaru ta’uu akkasumas tajaajila uummata madaalu kennuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.
Kunis galma Dijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuu fi tajaajiloota teekinooloojii waliin walitti hidhuuf karoora qabame waliin hariiroo qabaachuu isaa ibsaniiru.
Lakkoofsi Gabatee Konkolaataa haaraan kun bor jechuunis Amajjii 28 Bara 2018 irraa eegalee akka hojii irra oolu Poolisiin Federaalaa beeksise.
Taammiruu Damisseetu gabaase