AMN PLUS- Amajjii 27/2018
Tajaajilli Giddugala iddoo tokkoo Masoob socho’aa Atoobusiin kennamu eegalamuuf akka jiru Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Dooktar Abiyyi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti dhiyaachuun gaaffilee fi yaada miseensota Mana Marichaa irraa ka’aniif wayita ibsaa fi deebii kennanitti, tajaajilli Masoob yeroo ammaa giddugaloota 33 kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara 2018 kanatti baay’ina Giddugaloota Masoob gara 100’tti ol guddisuuf akka hojjatamaa jirus kaasaniiru.
Siistamoota misoomsuun dhaabbilee tajaajilaa varchuwaalii kennuun namni bakkuma jiru taa’ee akka tajaajila argatu taasisuuf hojjechuun milkaa’ina olaanaa ta’uu illee himaniiru.
Tajaajila Masoob sadarkaa dhaabbataan waliinga’uun gahaa waan hin taaneef tajaajila masoob varchuwaalaa fi socho’aa ta’e atoobusiitti dhimma ba’uun kennuuf hojjatamaa jiraachuu kan eeran Ministirri Muummee, baatiiwwan sadii keessatti gara hojiitti akka seenu hubachiisaniiru.
Tajaajilichi yoo eegalamu, guyyaa Dilbataa dabalatee bakkeewwan fageenya irratti argaman dhaqqabsiisuuf kan karoorfame ta’uu eeruun “kunis dhamaatii hir’isuuf dandeettii raawwachiisummaa dabaluuf akkasumas hanna hir’isuuf itti fayyadamna” jechuun itti fayyadamna jedhaniiru.
Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse