Komiishinarootni Komiishinii Gamtaa Afrikaa maal hojjetu?

You are currently viewing Komiishinarootni Komiishinii Gamtaa Afrikaa maal hojjetu?

‎AMN PLUS – Guraandhala 02/2018

Komiishinarootni ‎Komiishinii Gamtaa Afrikaa qaama hojii raawwachiisummaa fi bulchiinsaa Gamtichaati.

Komiishinarootni ‎Komiishinichaa hojiiwwan guyyaa guyyaa Gamtaa Afrikaa raawwachiisuun alatti, imaammatootni baafamanis hojiitti akka hiikaman taasisu.

‎Dabalataanis, biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa, dhaabbilee naannoo fi qaamolee garaagaraa waliin tumsi isaanii akka cimu gochuuf gahee qindeessummaa qabu.

Dabalataan ‎baajataa fi qabeenya Gamtichaas ni bulchu.

Akkasumas, dhaabbileen Gamtaa Afrikaa garaagaraa hojii itti kenname sirnaan akka raawwatan hojii deeggaruus ni raawwatu.

Komiishiniin Gamtaa Afrikaa Dura Taa’aa tokkoon kan hogganamu yoo ta’u, itti aanaa dura taa’aa fi komiishinaroota damee hojii garaagaraa hoogganan of keessatti hammachuun hojjechaa jira.

Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply