Hogganaa I/A Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Finfinnee duraanii dabalatee hoggantoonniifi hojjettootni 11 to’atamuun Mana Murtiitti dhiyaatan

You are currently viewing Hogganaa I/A Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Finfinnee duraanii dabalatee hoggantoonniifi hojjettootni 11 to’atamuun Mana Murtiitti dhiyaatan

AMN PLUS- Guraandhala 01/2018

Hogganaa I/A Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Finfinnee duraanii Obbo Moliitoo Abbaayineh dabalatee hoggantoonniifi hojjettootni 11 lafa Pirojektii ‘Window of Africa’f qabamee ture qabiyyee sanada hin qabnedha jechuun Waldaa Raabsaa Simmitoof dabarsan to’annoo seeraa jala ooluu Mana Murtiitti dhiyaatan.

Qaamoleen to’ataman

1. Obbo Moliitii Abbaayineh Erqaaloo- Hogganaa I/A Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Finfinnee Duraanii

2. Injinar Charinnat Abbabaa Yaadatee- Itti gaafatamaa Waajjira Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Kutaa Magaalaa Boolee Duraanii

3. Salamoon Balaayineh Mokonnin- Ogeessa Teekiniikaa Olaanaa Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Finfinnee

4. Adimaasuu Adaanee Wandimmuu – Ogeessa Komii Tajaajilamaa Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Finfinnee

5. Gizaachoo Mulugeetaa Dasee Dursaa Garee Sirreessa Qabiyyee Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Finfinnee

6. Darajjee Goshuu Hayilee- Kutaa Magaalaa Booleetti Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Duraanii Aanaa 13

7. Alamtsahaayi Lammaa K/Maariyaam- Kutaa Magaalaa Booleetti Ogeettii Qulqulleessa Sanadaa Waajjira Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Aanaa 13

8. Girmaa Tafarraa Ayyaanaa- Daayirektara Hordoffii Seeraa Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Finfinnee

9. Amaanu’eel Alamaayyoo Maammoo- Kutaa Magaalaa Booleetti Ogeessa Tekiniikaa Aanaa 13

10. Biiniyaam Hayiluu Gabree- Kutaa Magaalaa Booleetti Ogeessa Tekiniikaa Aanaa 13

11. Abiyoot Jufaaree Baayisaa- Biiroo Haqaa Magaalaa Finfinneetti, Daayirektara Duraanii Hordoffii Yakkaa

Hoggantootni fi Ogeeyyiin 11 kunneen to’atamuun Mana Murtiitti dhiyaatanii qorannoo dabalataa akka geggeeffamuuf beellamni kennameera.

Namoonni kunneen tumsitoota isaanii waliin ta’uun itti gaafatamummaa uummataafi mootummaa seeraan ala fayyadamuun shakkamaniiru.

Bara 2016tti Kutaa Magaalaa Boolee Aanaa 13 bakka addaa naannawa Daandii Qilleensaa jedhamutti lafa qabiyyee mootummaafi uummataa ta’eefi Pilaanii caaseffama lafaa 9ffaa irratti Paarkii Adawaaf akka ooluuf qabamee ture, akkasumas Pilaanii caaseffama lafaa 10ffaa irratti ammoo bakka magariisaa Pirojektii ‘Window of Africa’f baankii lafaatti qabamee kan ture, sababa bu’uura seeraa hin qabneen qabiyyee sanada hin qabnedha jechuun Waldaa Raabsaa Simmintoo Yoordaanos, Zawudituu fi Hiryoota isaa jedhamuuf kaartaa mirkaneessa qabiyyee lafa kaaree meetira 2,905 gatii liizii birrii miiliyoona 100f miiliyoona 68f kuma 700f kuma 24f 405 baasu kennuun miidhaa geessisuun himameera.

Kanaanis yakka malaammaltummaa cimaa, aangoo seeraan ala fayyadamuutiin himanni irratti banameera.

Shakkamtootni kunneenis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha Ramaddii Lidataatti dhiyaachuun yeroon qorannoo dabalataa eeyyamameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply