Maanchester Siitiin morkii waancaa baranaa kan murteessitu qabxii sadii milkeesse

You are currently viewing Maanchester Siitiin morkii waancaa baranaa kan murteessitu qabxii sadii milkeesse

AMN PLUS- Guraandhala 01/2018

Morkataa Waancaa PL kan ta’e Maanchester Siitiin gara Anfiild imaluun Liiverpuuliin goolii 2-1’n injifate.

Haga daqiiqaa 90 xumuramutti 1-1 kan turan kilabootni lameen qabxii akka qooddatan osoo yaadamuu Haalaand daqiiqaa 92ffaatti peenaalitii yeroo muddamaatti argamte gara gooliitti jijjiiruun qabxii murteessituu barichaa milkeesseera.

Gareen Pep Gaardiyoolaa Siitiin dursaa liigichaa Arsenaal irraa garaagarummuu qabxii 6 eegsifachuun sadarkaa 2ffaarra taa’eera.

Erliing Haalaand goolii kana lakkoofsisuusaan tarii haalaa waancaa baranaa murteessitu danda’a jedhameera.

Shaampiyoonsi Liigii irratti hirmaachuuf abdii godhatee kan morkataa jiru Liivarpuul ammoo qabxii 39’n 6ffaarra jira.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply