AMN PLUS- Guraandhala 03/2018
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ji’oottan jahan darbanitti qofa galii doolaara biiliyoona 4.4 argachuu isaa Hoji-Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo
Masfin Xaasoo ibsa miidiyaaleef kennaniin beeksisaniruu.
Daandiin xiyyaarichaa baatiiwwan jahan darban bara 2018 kanatti imaltoota miliyoona 10.6’f tajaajila balalii akka kenne ibsaniiru.
Ji’oottan jahan darbaniitti sadarkaa idila addunyaatti iddoolee gahumsa balallii babal’isuuf hojii hojjatameen daandiin qilleensiichaa bakkeewwan haaraa sadiitti balallii eegaluun waliigalaan sadarkaa idila addunyaatti iddoo gahumsa balalii 145 irra dhaqqabsiisuu isaas ibsaniru.

Iddooleen Balalli haaraa sadii ji’oottan jahan darbanitti daandiin qilleensichaa itti eegalee, Porchuugaal magaalaa Poortoo, Veetinaam Magaalaa Haarweey fi Gamtaa Imireetoota Arabaa Abuu Daabii akka ta’an ibsameera.
Bittaa Xiyyaaraa wajjiin walqabatees Daandiin qilleesiichaa xayyaara Booyiing dabalatee gosoota xayyaarraa adda addaa haaraa torba 7 bituun baay’ina xiyyaaraa daandii qilleensa Itoophiyaa 147 irraan gahuufi xiyyaarroota daandii qilleessaa deeggartootaa 23 waliin walumaa galatti baay’ina xiyyaaroota 170 irraan dhaqqabsiisuu Obbo Masfin Xaasoo ibsaniru.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa cichoomina olaanaan hojii halkaniifi guyyaa hojjetuun ji’oota jahan darbanitti balalii biyya keessaafi sadarkaa idil addunyaatti taasise dabalatee waliigalaan sa’aatii kuma 300, fi Kuma 36 balal’uu Hoji-Raawwachiisichi eeraniiru.
Obbo Masfin Xaasoo ji’oottan jahaan darbanitti dorgomtummaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa sadarkaa amma irra jiru irraa daran dabaluuf pirojektootni gurguddoon hojjetamaa jiraachuu raawwii hojii ji’oota jahan darbanii irratti ibsa miidiyaaleef kennaniin kennaniin beeksisaniiru.
Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase