MM Abiyyi Ahimad Riizoortii Hara Loogoo eebbisan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad Riizoortii Hara Loogoo eebbisan

AMN PLUS- Amajjii 30/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Riizoortii Hara Loogoo Inisheetiivii Maaddii Dhalootaan ijaarame eebbisaniiru.

Riizoortiin lafa hektaara 13.3 irra buufate kun qulqullina sadarkaa addunyaa eeggateen kan ijaarame ta’ee, manneen nyaataa, bakkee daakkii bishaanii, daandii asfaaltii keessoo, bakka qubannaa helikooptaraa dabalatee, kutaalee tajaajila biroo hammatee kan of keessatti qabate dha.

Riizortiin kun bareedina uumamaa Walloo bu’uuraalee misoomaa ammayyaa fi sadarkaa addunyaa madaaluun kan ijaarame pirojektii guddaa fi ajaa’ibsiisaa ta’uu Dr. Abiyyi ibsaniiru.

Riizortiin Hara Loogoo kunis akka nama hawwatuuf qofa osoo hin taane dinagdee naannoo fi biyyattii saffisiisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabus himaniiru.

Pirojektii Gorgoraatti aanee naannoo Amaaraatti pirojektii karoora “Maaddii” jalatti ijaarame 2ffaa ta’uu kallattii fi al-kallattiin carraa hojii hedduu uumuun dameewwan qonnaa, geejjibaa, tuurizimii fi tajaajila adda addaa keessatti sochii dinagdee guddaa akka uumes Dooktar Abiyyi dubbataniiru.

Kunis oomishtoota naannoo, hojjettoota ogummaa harkaa fi daldaltootaaf carraa gabaa haaraa uumuun, guddina tuurizimii fi wabii jireenya itti fufiinsa qabuuf bu’uura cimaa kan kaa’u ta’uu isaa himaniiru.

Pirojektiin kun yaadama Ida’amuu bu’uura godhachuun kan ijaarame yoo ta’u, mootummaa fi damee dhuunfaa waltajjii tokko irratti walitti fiduun, imaammata gara hojiitti, invastimantii immoo gara bu’aa qabatamaa ta’eetti akka jijjiireellee Ministirri Muummee kaasaniiru.

Riizortiin tumsaan ijaarame kunis , walta’insa mootummaa fi damee dhuunfaa, itti fufiinsa imaammataa fi guddina yeroo dheeraa biyyaaf bu’uura jabaa kan kaa’u ta’uu isaas eeraniiru.

Hundaa olitti Riizortiin Hara Loogoo seenaa, aadaa, duudhaa fi keessummaa simannaa addaa uummata Walloo gara addunyaatti agarsiisuuf kan qophaa’e badhaasa guddaa fi boonsaa akka ta’es Ministirri Mummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply