AMN PLUS- Guraandhala 03/2018
Magaalaan Finfinnee fakkeenya magaalota Afrikaati yoo jennu amma ragaaleen sana mirkaneessan hedduuti jiru.
Kan jennu caalaa warreen keessa oolanii bulan guyyaa guyyaan waantoota haaraa magaalatti keessatti arguun raajeffachuun itti fufeera.
Yeroo amma Finfinnee keessatti yakka raawwachuu malu ittisuuf dirqama poolisiin qofti uffata seeraa uffate 24/7 dhaabbachuun waan irra jiraatu hin fakkaatu.
Galatni Addunyaa har’a teeknoloojiin badhaateef haa tahu malee buufatni poolisii nam-maleessi Finfinnee keessatti ijaaramuun tajaajila eegaleera.
Ofii oduu aagaa Finfinneen nu dhageessiste kana biyyootni Addunyaa warreen biroo hojiitti hiikaniiru moo kan jalqabaati? Dubbiin toora qabdi…

1. Dubaayi (UAE)
Dubaayi (Gamtaan Eemireetota Arabaa) ALA’tti bara 2017 baatii Fulbaanaa keessa tajaajila poolisii nam-maleessa yeroo eegelchiistu galmeen raajii Addunyaa “Guinness World Records” akka oduu ajaa’ibsiisaatti hordoftoota isaa biraan gahee ture.
Tajaajila poolisii ammayyaa sa’aatii 24/7 deeggarsa nama tokko malee kennu kun gocha yakkaa gabaasuu, gabaasa balaa tiraafikaa, waraqaa ragaa kennuu fi tajaajila hawaasummaa dijitaalawaa kenna.
Dubaayi ergasii tajaajiloota garaagaraa si’eessuun namootni kuma 100’n lakkaa’aman dhimma kan itti ba’an yommuu ta’u, namootni miliyoonaan lakkaa’aman tajaajila saffisaa fi si’ataa kanaan waan fooyya’e ilaaluuf achumaan dhimma itti ba’uuf bakka gahumsa tajaajila poolisii nama maleessaa kanaatti imaluun daawwataniiru.
Akkaataa baratameen hojii poolisii hojjachuu keessaa bahuun Dubaayi, amantaan uummatni poolisiifi adeemsa nagaa kabachiisuu irratti qabu akka guddatu illee taasisuun hubatameera.

2. Sarbiyaa
Gamtaa Eemireetota Arabaa, Dubaayitti aansuun ammoo biyyi tajaajila dijitaalaa sirna poolisii ammayyeesse, buufata poolisii ismaartii kana hojiitti seensiste Sarbiyaadha. Sarbiyaan tajaajila poolisii nam-maleessa kana bara 2023’tti eegalchiiste.
Sarbiyaan Dubaayitti aanuun waggaa 6 booda tajaajila poolisii dijitaalaa kana yeroo hojiitti galchitu akka muuxannoo idil addunyaa isa olaanaatti ilaalamee ture. Keessumaa cehumsa teekinooloojii idil addunyaa gama olaantummaa seeraa mirkaneessuufi fedhii maammiltootni dhaqqabamummaa seeraa si’ataa fi haqa qabeessa ta’eef qaban gama dhugoomsuun hojiitti hiikamuu isaa kan mirkaneesse ta’uutu ibsame.

3. Neezerlaand
Neezerlaand biyya sadarkaa 3ffaatti tajaajila poolisii ismaartii eegalchiiste yoo taatu, kunis bara 2024 hojii irra oole. Neezerlaand, Dubaayi irraa yoo muuxannoo fudhattu, poolisoota dijitaalaa irraa qofa osoo hin taane, ogeeyyiin kanaan leenji’anis gama kanaan ogummaa horatan Neezerlaandiif qoodaniiru.
Kanumaan, tajaajilli poolisii kanneen akka gabaasa dijitaalaa, eeruu kennuu, odeeffannoo fi deeggersa jiraattotaaf akka kennaman taasifameera.
4. Itoophiyaa
Tajaajilli poolisii nam-maleessi harka Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimadiin eebbiifamee hojii eegale, akka Afrikaatti isa jalqabaa yoo ta’u, akka addunyaatti ammoo isa 4ffaa ta’uu ragaaleen ni agarsiisu.
Kunis tarkaanfii murteessaa Itoophiyaan tarsiimoo haaraa Dijitaal Itoophiyaa 2030 milkeessuuf karoorfattee hojjechaa jirtu qaama dhugoomsu tahee galmaa’era.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) buufata poolisii nam-maleessa (Smart Police Station) Itoophiyaafi Afriikaaf kan jalqabaa ta’e kana yoo eebbisan, “buufatni kun lammiileen tajaajila Poolisii saffisaafi teekinooloojiin deeggarame akka argatan dandeessisa” jechuun toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru.

Dooktar Abiyyi, poolisiidhaafis gahumsa yakka ittisuu akka dabaluufi tarkaanfii hatattamaa akka fudhatuuf kan carraa bane ta’uu eeruun, “tajaajilli qaama tarsiimoo haaraa Dijitaal Itoophiyaa 2030 ti” jedhaniiru.
Qaamoleen seera kabachiisan ga’umsa kan qabaniifi dorgomaa akka ta’aniif akkasumas, hojii riifoormii poolisiin eegalame kan guddisu ta’uullee himaniiru.
Komishinarri jeneraalaa poolisii federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el gama isaaniin, tuttuqqiin namaa osoo hin jiraatiin tajaajilaman tajaajila barbaadu karaa salphaa ta’een akka argatu kan taasisu ta’uu kaasuun, kunis biyyoota muraasa keessatti hojiirra ooluu dubbataniiru.
Tajaajilli poolisii nam-maleessi kun Afriikaarraa isa jalqabaa yoo tahu Addunyaarraa ammoo 4ffaa akka ta’es hubachiisaniiru.
Kunis hojii poolisii sadarkaa olaanaan kan mul’isu ta’uu ibsuun, bu’a qabeessummaa hojichaa kan guddisuu, hawaasa biratti iftoominni akka mul’atuufi tarkaanfii poolisii kan ariifachiisu ta’uu eeraniiru.
Madda: Waajjira Ministira Muummee, Poolisii Federaalaa,Galmee raajii Addunyaa (Guinness world records) Arabian business, WAM, TNW fi Zyinowaadha.
Malkaamuu Abbabaatiin