Sanyii Hidda Dhaloota Koloneel Abdiisaa Aagaa Miseensa Humna Qilleensaa Ameerikaa – Soolan Adgoolliny (Maqoo Masoo: Jigsaa)

You are currently viewing Sanyii Hidda Dhaloota Koloneel Abdiisaa Aagaa Miseensa Humna Qilleensaa Ameerikaa – Soolan Adgoolliny (Maqoo Masoo: Jigsaa)

‎AMN PLUS – Guraandhala 03/2018

Dargaggoo Maqaa Masoo Jigsaa jedhu argate Soolan Adgoolliny Humna Qilleensa Amerikaa keessatti barattoota 800 keessaa sadarkaa haga sadii keessa kan seene eenyu?

Soolan Lixa Oromiyaa Magaalaa Naqamtee iddoo addaa Bakkee Jamaa jedhamutti dhalatee guddachuu obboleettiin isaa Soolaniif hangafa taate Wayinisheet Adigooliny turtii addatti bilbilaan AMN Dijiitaal waliin turtiii taasisteen dhugaa jiru dubbatteetti.

Hiddi dhaloota isaanii qaccee sanyii Koloneel  Abdiisaa Aagaa kan hordofu karaa Abbaa hidhata qabaan dubbatte.

Soolan gama hidda dhaloota haadha isaatiinis Fiitawuraarii Mokonnin Jambaree abbaa haadha isaa ta’uu, Qany-Azmaach Abdiisaa Moosaa ammoo obboleessa abbaa haadha isaa ta’uu dubbatteetti.

Goototni olitti eeraman kunniin bara mootummaa Haayile Sillaasee keessa, yeroo faashistiin Xaaliyaanii Itoophiyaa weerarte, wal ta’uun diina irratti lola cimaa gaggeessuun biyyattiirraa deebisuu keessatti gahee olaanaa taphachuu isaanii seenaan gootummaa Itoophiyaanotaa yeroo garaagaraatti barreeffame gudunfeera.

Cichoominaan bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuun hanga miseensummaa humna qilleensaa Ameerikaa argachuu kan dubbattu obboleettiin Soolan amma humna qilleensaa Ameerikaa keessatti barrattoota 800 caalan waliin leenjii obsa fixachiisaa hanga xumuraatti hordofuun sadarkaa 1-3 keessa galee xumuruun isa qofaaf osoo hin nuufis akka maatiitti injifannoo dachaa yoo tahu Itoophiyaanotaaf ammoo akka waraqaa eenyummaa idil Addunyaalessaatti ilaalaman kaasteetti.

Soolan gammachuu Itoophiyaanota boonsu kana arguuf bu’aa hin dubbatamne hunda cichoominaan dabarsuu kan eertu obboleettiin isaa Wayinisheet ‎“yeroo maatii, firaafi hiriyaa irraa adda ba’e, abbaa hin mul’anne tokko—Uumaatu—na waliin ture” jechuun dubbachuu isaa AMN Dijiitaaliif ibsiteetti.

Kutannoon, obsii, rakkina ballinatti jijjiiruuf dhama’uun bu’aa dhandhamuun Soolaan iccitii qaba kan jettu obboleettiin isaa ‎sababni inni guddaan ammoo ijoollummaa irraa eegalee mana amantaa keessa tajaajilaa uumaa sodaachaa guddachuu isaa ta’uu ibsiteetti.

Soolan dargaggoon namoota 819 waliin leenjii loltummaa humna qilleensaa Ameerikaan kennamu fudhachuun sadarkaan eebbifame badhaafamtoota keessaa tokko tahuu kan dhugoomte.

‎Soolan yeroo dhalatu haadha  isaatti ciniinsuun jabaachuun tajaaja yaala baqaqsan deessisuun  dhalachuu kan yaadachiistu hangafti Soolan dargaggoo bu’aa ba’ii hedduu keessa darbe kana maqaa masoo “Jigsaa” jechuun addatti akka mariirsifattuus turtii bilbilaan AMN Dijiitaal waliin taasifteen himteetti.

Irra caalammoo ‎Soolan maatii isaaf quxisuu tahee dhalachuun gorsaa fi hubannoo hangafootaa akka qabu dubbattee, mucaa dhumaa waan ta’eefis xiyyeeffannoo maatii hunda argatee guddachuus kaasteetti.

‎Soolan nama cal jedhu, gargaarsa hin barbaanne, dandeettii addaa qabu, ulfina namootaaf kennuu fi dargaggootni araada adda addaaf akka hin saaxilamneef gorsa kennu akka ta’es Wayinisheeti hangafti isaa himteetti.

‎Barnoota sadarkaa jalqabaa magaalaa Naqamteetti, mana barumsaa dhuunfaa “Beetel” jedhamutti akka jalqabeefi sadarkaa lammaffaas achuma Naqamteetti, mana barumsaa “Kidaana Miratii Kaatolikii” jedhamutti barachuun qabxii olaanaa galmeessee, Yuunivarsiitii Finfinnee Kiiloo 4’tti barachuuf carraa akka argates kan dubbatte obboleettiin isaa garuu muummeen barnootaa isa qaqqabee fedhii isaa waan hin turreef dhiisee, gara Mana Barumsaa ” Siminaarii Makaana Yesuus” seenuun meeshaalee muuziqaa barachaa turuus ibsiteetti.

Haata’u malee ‎barnoota isaa osoo hin xumurin yaalii inni gara biyya alaa deemuuf taasisaa turee milkaa’ee gara biyya USA akka imales yaadachiisteetti.

‎Erga deemee waggaa lama keessatti lammummaa achii argatee, yeroo leenjiitti bilbilaanis tahe qaamaan osoo wal hin argiin yeroo dheeraaf turuu isaanii illee himteetti.

Soolan gara Ameerikaa deemee waggaa lama osoo hin guutin ijoollee gargaaruu fi barsiisuu akka jalqabe kaaftee, magaalaa Finfinneetti “Soolan Pirodaakshin” hundeessee ijoollota barsiisuufi carraa hojii uumuun akka hojjetan taasisuus heerteetti.

‎Milkaa’ina Soolan keessatti, Maatiin, waldaan isaa, manni barnoota isaa fi hawaasni inni keessatti dhalatee guddate gahee guddaa qabaachuu Wayinisheet himteetti.

Ishee biratti Solaan akkuma mucaa isheetti akka ilaalamu kaaftee, jalqaba irraa eegaluun hordoffii fi deeggarsa cimaa taasisuun tumsaa turus ibsiteetti.

‎Ergaan Soolan yeroo hunda dabarsu immoo, ‎“Namni ofiif qofa jiraachuu hin qabu; kaayyoo qabaachuu qaba; umurii isaatti qoosuu hin qabu; waan  uumameef raawwatee darbuu qaba,” jechuun yeroo mara akka dubbatu obboleettiin isaa Wayinisheet AMN Dijitaalitti himteetti.

‎Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply