Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Taa’amuu Eegale

You are currently viewing Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Taa’amuu Eegale

‎AMN PLUS- Guraandhala 04/2018

‎Yaa’iin idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa bara faranjootaa 2026 bakka Ministeerootni Dhimma Alaa Biyyoota Miseensa gamtichaa argamaniitti taa’amuu eegaleera.

‎Yaa’ii Mana Marichaa irratti haasawa baniinsaa kan taasisan dura ta’aan komiishinii gamtaa Afriikaa Komiishinar Mahaammud Alii Yuusuuf yeroo Addunyaan ariitii olaanaan jijjiramaa jirtuu kanatti biyyoonni Afrikaa waliitti dhufeenya cimaa uumuun egeree isaanii irratti mari’achuun dhimma murteessaadha jedhaniiru.

‎Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu gamtiichaas yaa’ii isaa idilee 48ffaatin ajandaa waliigalaa Gamtaa Afrikaa nageenya, misooma , carraa hojii dargaggootaa, jijjiirama qilleensaa fi tajaajila hawaasummaa irratti marii bu’a qabeessa taasisuun karoora jabaa qopheessuun ibsaafi murtee yaadaa dureewwan gamtaa Afrikaatiif kan dhiyyeessuu ta’uus himaniru.

‎Kana malees raawwii hojii galmoota misoomaafi badhaadhina Afrikaa Ajandaa 2063 sakatta’uun tarkaanfiiwwan hanga ammaatti fudhatamaniin jijjiramoota sadarkaa Ardiitti galmaa’aan Manni Maree hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa Ministeeroota Dhimmaa Alaa biyyoota Miseensa Gamtichaan hogganamuu kan madaalu ta’a.

‎Keessummoota Yaa’ii idilee Mana maree Hojii Raawwachiiftuu 48ffaa irratti hirmaachuuf Finfinneetti argamaniin baga Nagaan Dhuftan kan jedhan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) Itoophiyaan yeroo kamiyyuu ciminaafi guddina Afrikaatiif hojii fakkeenyummaa qabu hojjetti jedhaniiru.

‎Keessumaayyuu Ajandaalee misoomaafi badhaadhina 2063 dhugoomsuuf kutannoon hojjechaa jiraachuus eeraniru.

‎Kaasiyyee Maanguddaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply