Keessummootaaf dursa kennuun yaa’ii Gamtaa Afriikaa si’oominaan keessummeessuuf daandiiwwan yeroof cufaman Poolisiin Finfinnee Ifoomseera

You are currently viewing Keessummootaaf dursa kennuun yaa’ii Gamtaa Afriikaa si’oominaan keessummeessuuf daandiiwwan yeroof cufaman Poolisiin Finfinnee Ifoomseera

AMN PLUS- Guraandhala 4/2018

Yaa’ii Gamtaa Afriikaa 39ffaa Magaalaa Finfinneetti torban dhufu adeemsifamu ilaalchisuun simannaa keessummootaan wal qabatee sochiin tiraafikaa akka si’atuufi dhiphinni tiraafikaa akka hin uumamneef daandiiwwan cufaa ta’an Poolisiin Finfinnee beeksiseera.

Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee dhimma kanaan wal qabatee ibsa kan kenne yoo ta’u, Yaa’ii Gamtaa Afriikaa Finfinneetti adeemsifamuuf qophiin xumuramuu beeksiseera.

Haaluma kanaan, Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee irraa gara Biraasitti akkasumas Boolee Madaanaalamii kallattii Atilaasiin gara Qulqulluu Uraa’eliitti daandiin geessu sababaa yaa’ii dureewwan biyyoota Afriikaan har’a Guraandhala 04/2018 irraa eegalee guutummaatti konkolaattotaaf cufaa akka ta’u Poolisiin Finfinnee beeksiseera.

Dabalataanis, addabaabaayiiwwan gurguddoo kallattiiwwan keessummootni itti boqotaniin argamanitti dursa kennuu fi ajaja miseensota poolisii tiraafikaa kabajuun deeggersa baratame akka taasisan gaafateera.

Iddoowwan eeramanitti yeroo gabaabaafis ta’e dheeraaf konkolaataa dhaabuun kan dhorkame ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee hubachiiseera.

Sochiiwwan shakkisiisoo ta’an yeroo arganitti jiraattotni lakkoofsota bilbila bilisaa 990, 991, 987, 816 akkasumas 011-1-26-43-59, 011-5-52-63-02/03, 011-5-52-40-77, 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81 dabalataanis, appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee (Citizen Engagement Application) bilbila keessan irratti argamuun ‘EFPApp’tti dhimma ba’uun eeruu akka kennan ergaa dabarsuu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee ibsa baaseen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply