Wiirtuu Waloomaa Afrikaa, Iddoo Yaa’iifi Tumsa Biyyootaa – Adawaa

You are currently viewing Wiirtuu Waloomaa Afrikaa, Iddoo Yaa’iifi Tumsa Biyyootaa – Adawaa

‎AMN PLUS – Guraandhala 04/2018

‎Injifannoon Adawaa seenaa Itoophiyaa qofa osoo hin taane, seenaa guutuu Afrikaaf mallattoo bilisummaafi tokkummaa ta’uu kanneen godambaa yaadannoo injifannoo daawwatan himan.

Injifannoon kun dhiigaafi lubbuu lammiilee kumaatamaan lakkaa’amaniin kan argame yoo ta’u, bittaa fi cunqursaa faashistii Xaaliyaanii irraa biyyattii baraaree maqaa Afrikaa addunyaatti ol kaaseera.

Yaadannoo Injifannoo Adawaa kana namootni daawwatan hedduun hambaalee seenaa fi aadaa of-keessaa qabaachutti gammachuu isaanii ibsaniiru. Seenaa kaleessaa biyyi keenya keessa dabartee as geesse arguun kan nama boonsuufi qalbii namaa kakaasu jechuunis dubbataniiru.

Moominaa Lootee, jiraattuun Dodolaa, “Waan kitaaba irratti baranne har’a ijaan arguuf carraa argadheera,” jechuun yaada ishee ibsiteetti. Isheen akka jettutti, seenaa dubbifachuun qofa osoo hin taane, bakka sanatti argamuun miira addaa nama keessatti uuma jetti.

Jiraataan Magaalaa Finfinnee Bariisoo Taliiloo ammoo, “namni seenaa hojjete dhaloota isaa dhaalchisa,” jechuun Adawaan dhaloota har’aaf kaka’umsa cimaa ta’uu ibseera.

‎Ameerikaa irraa kan dhufan Obbo Yooseef Yessuwarqi gama isaaniin, dhalootni har’aa bilisummaa fi tokkummaa biyyaaf qabsaa’uun bu’aa guddaa akka qabu seenaa Adawaa irraa barachuu akka danda’an ibsaniiru.

‎Daayirektarri Olaanaa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa Yooseef Beekoo (PhD) akka himanitti, godambichi seenaa sirrii biyyattii Addunyaatti beeksisaa jira. Kana malees, bakki kun amma wiirtuu yaa’ii fi konfiransiiwwan idil-addunyaa keessummeessu ta’ee jira; waloomaa fi tumsa biyyoota gidduutti cimsuuf shoora guddaa qabas jedhniiru.

‎Ji’oota jahan darban qofa tuuristootni biyya keessaafi alaa kuma 350 ol ta’an Yaadannoo Injifannoo Adawaa daawwachuu isaanii ibsaniiru.

Galmoota Yaadannoo Injifannoo Adawaa fi Giddu Gala Konveenshinii Idil Addunyaa Addis keessatti konfiransiiwwan 150 ol gaggeeffamuu isaanii Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himuun ni yaadatama. Kunis Finfinneen magaalaa seenaa qofa osoo hin taane, wiirtuu dippiloomaasii ta’uu mirkaneessaniiru.

Dhugumaan, Adawaan seenaa kaleessaa qofa miti; bu’uura har’aa fi abdii boruuti. Seenaa goototni keenya dhiiga isaaniitiin barreessan dhalootni har’aa beekee, tiksee, itti fufsiisuun dirqama hunda keenyaati.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply