Agarsiisni Fakkii Injifannoo Adawaa leellisu Giddugala Aadaafi Barnootaa Xaayituutti baname

You are currently viewing Agarsiisni Fakkii Injifannoo Adawaa leellisu Giddugala Aadaafi Barnootaa Xaayituutti baname

AMN PLUS- Guraandhala 17/2018

Agarsiisni Fakkii Injifannoo Adawaa leellisu Giddugala Aadaafi Barnootaa Xaayituu, misooma kooriidariin haara’e keessatti baname.

Walitti Qabaa I/A Boordii Giddugalichaa Geetaachoo Qixaawu, Erga ijaaramee waggoota 117 kan lakkoofsise Giddugalli Aadaafi Barnootaa Xaayituu xiyyeeffannoo argatee haareffamuusaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee galateeffataniiru.

Giddugalichi seenaa yaadachaa, dhalootatti dabarsa jedhaniiru.

Waldaan Fakkii Hibir kana dura bakkeewwan garagaraatti akka agarsiisaa ture kan hime Ogeessi Fakkii Alamsaggad Baahiluu, har’a garuu seenaa waloo kan ta’e Adawaa leellisuuf fakkiiwwan yaadannoo gara garaa dhiyeessuu himeera.

Waggaa 130ffaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa sababeeffachuun agarsiisni Fakkii baname kun haga Bitootessa 17/2018tti lammiin hundi bilisaan akka daawwatu Giddugalichi ibseera.

Yaalewu Geetaaneetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply