AMN PLUS – Guraandhala 19/2018
Seenaa injifannoo AdAwaa itti fufsiisuuf cichoominaa fi tokkummaan hojjeechuu qabna Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Lidiyaa Girmaa himan.
Mariin Paanaalii Yaadannoo Injifannoo Adawaa Waggaa 130ffaa Irratti Xiyyeeffatee Qopheessummaa Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinneen Adeemsifamaa Jira.
Mariin Ayyaana injifannoo Adwaa 130ffaa; “Seenaaa Boonsaa Irraa Gara Abdii Ifaatti” mata duree jedhuun geggeeffame.
Maricha Irratti Hooggantoota Olaanoo Hojii Mootummaa, Gootota Duraanii Dabalatee Miseensotni Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa, Poolisii Finfinnee, Kabachiistootni Dambiifi Raayyaan Nageenyaa Hirmaachaa Jiru.
Hooggaantuu Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Lidiyaa Girmaa haasaa taasisaanin, Nageenya warawaa biyyaafi magaalaa keenyaa eegsiisuufi faayidaa biyyaalleessaa dhimmoota kabachiisan irratti cichoominaan hojjechuun Seenaa injifannoo Aduwaa itti fufsiisuu qabna jedhaaniiru.
Leensaa Hordofaatu gabaase.