AMN PLUS – Guraandhala 19/2018
Hiyyummaa Irratti Misoomaan Duuluun Injifannoo Adawaa 2ffaa Galmeessuuf Karooraan Hojjetamaa Jira Jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Mogos Baalchaa.
Sagantaa waajjirri qonnaan bultootaafi qonna magaalaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa sosochii maaddii guutuu marsaa 3ffaan lukkuufi galtee isaanii jiraattotaaf dabarsee irratti kan argaman Obbo Mogos magaalaan Finfinnee bakka oomishni itti bitamuufi gurguramu qofa osoo hin taane giddu gala oomishalee qonnaa akka taatuuf xiiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Bu’aa jijjiiramaa kan tahe Inisheetiviin maaddii guutuu agarsiiftuu tokko ta’uu Obbo Mogos eeruun jiraattotni Finfinnee harka isaanii biyyee tuqsiisuun midhaan nyaataan of danda’uu irra darbuun gabaa tasgabbeessaa jiraachuus ibsaniiru.
Komiishinarri Komiishiinii Qonnaan Bultootaafi Misooma Qonna Magaalaa Finfinnee Komiishinar Baayyuu Shuguxee gama isaanitiin, Finfinneetti maatiiwwan qonna magaalaatin fayyadamaa jiran jijjiirama dura kuma 50 kan hin guunne tahuu ibsuun amma garuu gara miiliyoona 1.2 ttii guddateera jedhan.
Hoji raawwachiisaa olaanaan kutaa magaalaa Lammii Kuraa Obbo Admaasuu Dachaasaa kutaa magaalichaatti jiraattotni lafa xiqqoo qaban irratti teeknoolojii fayyadamuun bu’a qabeessa akka ta’aniif, deeggarsaafi hordoffii taasisuun bu’a jajjabeessaan argamuu ibsaniiru.
Jiraattotni lukkuu horsiisaafi galtee isaanii argatanis hiyyummaa mo’atanii, midhaan nyaataan of danda’uuf jabaatanii kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.
Geetaahun Katamaa