AMN PLUS – Bitootessa 01/2018
Waltajjiin Marii Abbootii Amantaalee Garaagaraa hirmaachise Magaalaa Finfinneetti Gaggeeffameera.
Maricharratti kan argaman Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hogganaan Biiroo Maallaqaa Magaalaa Finfinnee Obbo Abdulqaadir Reeduwaan dhaabbileen amantaa nageenya biyyaa waaressuu keessatti gahee guddaa akka qaban ibsuun, akka biyyaatti hojii ijaarsa badhaadhinaa jalqabame milkeessuuf gumaachi dhaabbilee amantaa guddaa akka ta’e dubbataniiru.
Mootummaan dhaabbilee amantaa hunda walqixxummaafi yaadama ida’amuutiin ilaala kan jedhan ObboAbdulqaadir, gochoota kabajaafi ulfina manneen amantaa gadi buusan sirreessuuf mootummaan cimsee ni hojjetaas jedhaniiru.
Waltajjichi qindeessummaa Kutaa Magaalaa Araadaan kan gaggeeffame yoo tahu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalichaa Obbo Wandimmuu Umar dhaabbileen amantaa dhaloota cimsuun ijaarsa biyya keessatti gumaacha guddaa akka qaban kan ibsuun hordoftoota isaanii yeroo mara barsiisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Mootummaan waggoota darban keessa tokkummaan dhaabbilee amantaa gidduu akka jiraatu hojiilee hedduu akka hojjate kan ibsan hirmaattotni marichaa ammas taanaan mootummaan namoota kabaja manneen amantaa xiqqeessaniifi nageenya biyyaa jeequuf miidiyaalee hawaasaa garaagaraatti dhimma bahan kanneen seera hin eegneefi eeyyama malee socho’an sirreessuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin