Lammiileen Miiliyoona Sagalii ol filachuuf galmaa’aniiru- Boordii Filannoo Biyyaalessaa

You are currently viewing Lammiileen Miiliyoona Sagalii ol filachuuf galmaa’aniiru- Boordii Filannoo Biyyaalessaa

AMN PLUS – Bitootessa 04/2018

Filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaa barana gaggeeffamuuf hanga ammaatti lammiileen Miiliyoona Sagalii ol filachuuf galmaa’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

Boordichi adeemsa galmee filannoo torban tokkoo ilaalchisuun ibsa gaazexeessummaa kenneera.

Galmee filattootaa Guraandhala 28 irraa eegaluun karaa filmaatilee dijitaalaafi maanuwaaliitiin gaggeeffamaa jiruun haga har’aatti lammiileen miiliyoona sagaliifi kuma 36fi 994 galmaa’uu Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelaatewarq Hayiluu himaniiru.

Buufataalee filannoo kuma 46 ol irrattis galmeen filannoo gaggeeffamaa jiraachuu eeran.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply