Damee Geejjibaa Itoophiyaa Gara Anniisaa Elektiriikaafi Gaazii Uumamaatti Ceesisuun Boba’aa Qusachuuf Waamichi Biyyaalessaa Dhiyaate

You are currently viewing Damee Geejjibaa Itoophiyaa Gara Anniisaa Elektiriikaafi Gaazii Uumamaatti Ceesisuun Boba’aa Qusachuuf Waamichi Biyyaalessaa Dhiyaate

AMN PLUS – Bitootessa 08/2018

Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii damee geejjibaa Itoophiyaa gara anniisaa elektiriikaafi gaazii uumamaatti ceesisuun boba’aa qusachuuf waamicha biyyaalessaa dhiyeesseera.

Itoophiyaan hoggansa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) kennaniin waggoota muraasa darbanitti biyyi hirkattummaa alaa jalaa ba’uun qabeenya uumamaa ishee irraa akka fayyadamtu taasisuuf tarkaanfiiwwan tarsiimawaan fudhatamaa turaniiru.

Kanneen keessaas damee geejjibaa sagantaan gara anniisaa elektirikaatti jijjiiruu (Transport Electrification) isa ijoofi milkaa’ina argamsiise ta’uu hubachiiseera.

Yeroo ammaa Giddu Galeessa Bahaatti waraana mudateen wal qabatee gabaan boba’aa addunyaa gaaga’amuufi balaaf saaxilamuu hordofee Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi imaammatni waggaa 4 dura damee anniisaa elektirikaa irratti kanneen hojjatan dabalatee warreen biroof bocuun onnachiistuu taasisan har’a biyya qormaata irraa kan baraaruufi murtoo fageessanii yaaduufi bilchina hoggansaa gochaan kan mirkaneesse ta’uu Ministeerichi beeksiseera.

Injifannoon seena qabeessi gahumsa ofiin gama qamadiin of danda’uun galmaa’e hara’as gama boba’aan akka irra deebi’amuuf mootummaan kutannoon hojjachaa jiraachuu kaaseera.

Kanaafuu, dhiibbaa Idil Addunyaa waayitaawaa kana damdamachuufi diinagdee biyyaa bifa waaraan baraaruuf qabxiiwwan ijoo 4 qaamoleen hawaasaa, mootummaafi dhaabbileen dhuunfaa akka hojiittii hiikaniif waamicha dhiyeesseera.

1. Ce’umsa Teeknooloojiifi Fayyadama Anniisaa

• Aadaa fayyadamaa: Konkolaattota elektiriikaa akka aadaa biyyaatti cimsuun babal’isuun fayyadamuu.

• Ce’umsa boba’aa irraa gara elektirikaatti: Konkolaattota boba’aafi elektiriikaan hojjetan gara elektiriikaatti guutumaan guutuutti jijjiiruun; akkasumas konkolaattota boba’aan hojjetan gara elektiriikaafi gaazii uumamaatti jijjiiruu cimsuu.

• Konkolaattota Fe’umsaa: konkolaattota ulfaatina hanga toonii 20 baatan gara elektiriikaatti; kanneen toonii 20 ol ta’an ammoo gara gaazii uumamaa fi elektiriikaatti akka jijjiiraman mootummaafi dhuunfaan waliin hojjechuu.

2. Gahee Mootummaafi Geejjiba Uummataa

• Konkolaattota mootummaa sadarkaa mootummaa fi naannoo jiran hunda gara elektiriikaatti guutumaan jijjiiruun karoora biyyaalessaa hojiitti hiikuu.

• Geejjiba uummataa akka baaburaa, awutoobisiifi tajaajiloota biroo babal’isuufi haala gaariin itti fayyadamuun; akkasumas tajaajilichi taarifa ramadameefi sagantaan isaa osoo addaan hin citin akka itti fufu taasisuu.

3. Jijjiirama haala fayyadamaafi aadaa oofinsaa (Eco-Driving)

• Daangaa konkolaattota dhuunfaa: Maatii tokko keessatti konkolaattota hedduu fayyadamuu irraa fagaachuun, aadaa waliin fayyadamuu (car sharing) cimsuu.

• Imala Magariisaa: Imala gabaabaa magaalota keessatti taasifamu miillaan ykn biskileetiin aadaa taasifachuu.

•Leenjii oofinsaa “eco-driving”: konkolaattoota hammantaa kaarbonii hir’isaniifi boba’aa qusatan fayyadamuu, aadaa leenjii oofiinsaa moonoopoolii irraa bilisa ta’e babal’isuu.

4. To’annoo Qulqullinaafi Eegumsa Naannoo

• Suphaafi jijjiirraa meeshaalee konkolaataa: Suphaa konkolaattotaa yeroo eegan raawwachuufi meeshaalee qulqulluu (original spare parts) fayyadamuu.

• Ulaagaa safartuu aara konkolaataafi qulqullina: Ulaagaa safartuu aara konkolaataa (emission standard) guutummaatti hojiirra oolchuufi konkolaattotni hundi teeknoloojii to’annoo boba’aafi aara konkolaataa mirkanaa’e akka fayyadaman taasisuu kan eere Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii waamichi kun sharafa alaa biyyaalessaa qusachuu, faalama naannoo hir’isuufi uummanni jijjiirama gatii boba’aa Addunyaa irraa kan ka’e akka hin miidhamne taasisuuf kan kaayyefate ta’uu beeksiseera.

“Mul’ata hoggansa Ministira Muummee cimsuufi biyya hirkattummaa irraa bilisa baasuuf hundi keenya itti gaafatamummaafi kutannoon ka’uu qabna” jechuun Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii waamicha biyyaalessaa dhiyeesseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply