AMN PLUS – Bitootessa 09/2018
Itoophiyaafi Itaaliin waliigaltee caalmaatti tumsa waloo isaanii gabbisu waliif mallatteessuun ibsameera.
Biyyootni lameen hariiroo tumsa misooma waloo isaanii akkaataa caalmaatti cimsuufi rifoormii dinagdee gooroo Ittoophiyaa hojiitti hiikamaa jiru deeggaruun iiti danda’amurratti waliigaltee waliif mallatteessaniiru.
Waliigalticha kan mallatteessan Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Itoophiyaan dinagdee bayyanataafi itti fufiinsa qabu ijaaruu irratti bu’uura cimaa kaa’uu ibsuun gita isaanii kan Itaalii Ministira Dinagdeefi Maallaqaa Giyaankaarloo Joorgeetii waliin waliigaltee waloon biyyoota lameen hojjechiisu mallatteessaniiru.
Waliigaltee mallatteeffame keessatti adeemsi itti liqaa irraa bayyanachuun dinagdee waaressuu hammattoo biyyoota garee 20 (G20) kan bu’uureffatame tahuun ibsameera.
Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee waligaltichaan tumsa waliirraa hin citne Itaaliin Itoophiyaaf taasistuuf dinqisiifachuun waliigaltee seena qabeessaafi waloon biyyoota lameen hojjechiisu tahuu ibsaniiru.
Ministirri Dinagdeefi Maallaqaa Itaalii Giyaankaarloo Joorgeetii gama isaanitiin waliigaltichi biyyoota lameeniif faayidaa damdaneessa qabaachuu ibsuun rifoormiin dinadgee gooroo Itoophiyaan hojiitti hiikaa jirtu Karoora Maateeyi (Mattei Plan) Afrikaatti hojiirra oolchaa jirtuufi Itoophiyaan gahee guddaa keessaa qabdu tumsuuf shoora oolanaa qabaachuu ibsaniiru.