AMN PLUS – Bitootessa 10/2018
Hoji Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo-Telekoom Fireehiwot Taammiruu Badhaasa Dubartii dhiibbaa uumtuu Hoggantuu Bizinesii Afrikaa Injifachuun ibsameera.
Fireehiwot Taammiruu akka barruu “Africa Business’tti tarree dubartoota hoggantoota bizinasii Afrikaa dhiibbaa qaban kan bara 2026 keessatti hammatamaniiru.
Badhaasniifi beekamtiin kenname waggoottan darban keessa damee teelekoomiifi tiraansifoormeeshiinii dijiitaalaa Itoophiyaa keessatti milkaa’ina galmeessisaniifi gumaacha olaanaa taasisaniif akka kennameef ibsameera.
Dabalataanis, Itiyoo-Telekoom tajaajila idilee teelekoomii kennuu bira darbee, fayyadamummaa dijiitaalaa hundagaleessaafi guddina dinagdee mirkaneessuuf shoora olaanaa akka taphatu gochuu isaaniitiin Dubartoota dhiibbaa uumtoota keessaa Hoggantuu Bizinesii Afrikaa cimtuu jedhamuun badhaafamaniiru.