Xiyyaara konkolaataa wajjin walitti bu’e

You are currently viewing Xiyyaara konkolaataa wajjin walitti bu’e

AMN PLUS- Bitootessa 14/2018

Itti ergee nama hin ergariin jedhama. Xiyyaarri ‘Air Canada’ konkolaataa balaa biraaf deebii hatattamaa kennuuf imala irra jiru waliin walitti bu’uun balaan irra ga’uu dhagahame.

Xiyyaarri “Air Canada A 4-22” balalii Moontiriyaal irraa gara Niwuyorkitti taasiseen erga qubatee booda osoo saffisa isaa hir’isaa jiruu, konkolaataa dhaabbatni buufata xiyyaarichaa bulchu waliin walitti bu’uun isaa beekameera.

Xiyyaarri modeelaan xiqqaa ta’e kun wayita balaan mudatetti gar-malee miidhamuun isaa BBC’n gabaaseera.

Wayita balaan kun uumametti hojjattootni balalii 4 fi imaltootni walumaagalatti namootni 76 ta’an xiyyaaricha keessa turan keessaa namootni hedduun miidhamuu sabaa himaaleen gabaasaniiru.

Miidiyaaleen hawaasaa garaagaraa illee fuuldurri xiyyaarichaa balaa irra ga’een yoo ol garagalee dhaabbatu mul’isaniiru.

Qajeelchi Ittisa Balaa Ibiddaa Niiwyoorki sababaa balaa kanaan balaliiwwan haqamuufi daandiin cufamuu irra kan ka’es sochii tiraafikaa irratti danqaan uumamuu akka malu ergaa dabarsuun hubaatmeera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply