Turkiyeen taphattoota kuma tokkoo ol tapharraa dhorkite

You are currently viewing Turkiyeen taphattoota kuma tokkoo ol tapharraa dhorkite

‎AMN PLUS- Sadaasa 2/2018

‎Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Turkiyee taphattoota qumaara (betting) irratti hirmaachuun shakke kuma tokkoo ol dhorkuu isaa beeksise.

‎Federeeshinichi taphattoota Suuper Liigii keessa taphatan dabalatee kan haga liigii gulantaa 4tti taphatan walumaa galatti taphattoota kubbaa miilaa piroofeeshinaala ta’an kuma 1fi 24 dhorkuu beeksiseera.

‎Sababa kanaan taphootni diviziyoonii sadaffaa fi 4ffaa taphatamu kan biyyatti yeroo biraatti darbeera.

‎Kilabiin Suupar Liigiin milkaa’a ta’e Beeshiktaash taphattoonni isaa lamaa gochaa kana keessatti hirmaannaa akka hin qabne ibsuun, kilabichi isaan cinaa akka dhaabbatu beeksiseera.

‎Dura taa’aa kilabichaa dabalatee namoonni saddeet to’annoo seeraa jala oolun qoratamaa akka jiran gabaasni miidiyaalee Turkiyee ni mul’isu.

‎Taphattootaa fi dura taa’aa kilabootaa malees abbootiin murtii taphaa shakkamaa akka jiran BBC Sport gabaaseera.

‎Qorannoon dhiheenya kana Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Turkiyee tasisee akka agarsiisutti abbootii murtii kubbaa miilaa 571 keessaa 371 herrega qabsiifannaa (Betting) akka banatan ibsameera.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply