‎Itoophiyaafi Eertiraan faayidaa waloorratti osoo hojjetanii bu’aan argamu guddaadha- Geediyoon Ximootiwoos (PhD)

You are currently viewing ‎Itoophiyaafi Eertiraan faayidaa waloorratti osoo hojjetanii bu’aan argamu guddaadha- Geediyoon Ximootiwoos (PhD)

‎AMN PLUS – Sadaasa 6/2018

‎Wal dhabdeen Itoophiyaa fi Eertiraa baroota hedduuf ture falmii daangaa fi dantaa galaanaa irra darbee, fedhii nagaa fi misoomaa Itoophiyaan barbaaddu irratti qormaata yeroo dheeraa akka ta’e Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) ibsan.

‎Xiinxala Gaanfa Afrikaa “Horn Review” “Think Tank” mata duree jedhuun Yunivarsiitii Finfinnee waliin ta’uun Fooramii Imaammata Alaa qophaa’erratti haasaa taasisaniin, kana ibsan Ministirichi, Itoophiyaafi Eertiraan faayidaa waloorratti osoo hojjetanii bu’aan argamu guddaa akka ta’e ibsaniiru.

‎Marii kana irratti ogeeyyiin imaammata baasani fi hayyoonni kan hirmaatan yoo ta’u, Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwooss (PhD) haala amma Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu jiru ilaalchisee ibsa kennaniiru.

‎Ibsichis naannoon Gaanfa Afrikaa walitti bu’insaafi tasgabbii dhabaa akka dhufe ajandaa miidiyaa hundarraa hubachuun akka danda’amu akeeka.

‎Naannichi lafa qonnaa bal’aa, qabeenya bishaanii, qabeenya uumamaa kuufamaafi humna nama kan hojjetuu guddaa akka qabu ibsuun, naannichatti rakkoon walitti bu’insaa misooma itti fufiinsa qabu fiduuf akka danqes ibsaniiru.

‎Tattaaffiin Itoophiyaan baroota dheeraaf naannichatti nageenya fiduuf taasisaa turtee yeroo hundaa kan yaadatamu akka ta’es hubachiisaniiru.

‎Itoophiyaafi Eertiraan faayidaa waloorratti osoo hojjetanii bu’aan argamuu biyyoota biroofillee gamtaan akka hojjetaniif fakkeenya gaarii akka ta’e ibsuu isaanii haasaa Ministirri Dhimma Alaa taasisan irraa hubachuun ni danda’ama.

‎Madda: Ministeera Dhimma Alaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply