Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) naannoo Amaaraatti yeroo jalqabaatiif Godina Saba Oromoo magaalaa Kamiseetti hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran daawwachuu ibsan.
Dooktar Abiyyi ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, “Godinaalee naannoo Amaaraa hanga ammaatti hin daawwanne keessaa Kamiseen tokko ta’uu isheen daawwannaa addaati” jedhan.
Misoomni Koriidarii Kamisee sadarkaa jalqabbiirra jiraatus daandiin biskileettii fi lafoo kiiloo meetirri 1.3 hojjetamuun kan jajjabeeffamuudha jedhaniiru.
Warshaa misooma qindaa’aa Qonnaa Indaastirii Agiroo Eelfooraa daawwachuu ibsan.