Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Malaammaltummaa ittisuun hojii fakkeenya gaarii qabu hojjechuun ibsame.
Komishinarri Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Jamaal Radii dhaloota naamusaan, dhaabbilee ammoo Hojimataan haala barsiisuun danda’amu irratti qaamni hundumtuu hojii manaa taasifatee akka hojjachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Guyyaa Farra Malamaltummaa akka addunyaatti Finfinneetti kabajamu irratti kana ibsan yoo ta’u, kutaalee Magaalichaa hunda irraa Qooda fudhattoota Hirmaachiisuun mariin taasifameera.
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinneetti Itti Gaafatamtuun Dhimmoota Siyaasaa Aadde Alemtsahaay Shifarraa hojiiwwan malaammaltummaa ittisuun wal-qabatee Magaalaan Finfinneen maqaa fakkeenyummaan kahu qabaachuu Ibsaniiru.
Komiishinar Jamaal guyyaan farra malaammaltumaa yoo kabajamu hojii hubannoo uumuuf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabus hubachiisaniiru.
Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Magaalaa Finfinnee hojiiwwan Bara Baajataa 2018 Kurmaana Tokkoffaa keessa hojjete gamaaggameera.
Rabbirraa Hirphaatu gabaase.