Dhaabbiileen Maaleezhiyaa carraalee Daldalaa fi Invastimantii Itoophiyaatti akka fayyadamaniif haaloonni mijataan jiru jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyyee Atsiqasillaaseen.
Fooramiin Biiznasii Itoophiyaa fi Maaleezhiyaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Fooramii Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti gaggeeffameerratti Ministirri Muummee Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahim, Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofee fi hoggantoonni olaanoo mootummaa biroon argamaniiru.

Fooramicharratti Pireezidaanti Taayyeen haasawa taasisaniin, hariiroo daldalaa biyyoota lameen gidduu jiru caalmaatti saffisisuuf hariiroo ummataa fi ummataa guddisuuf murannoo qabaachuu dubbataniiru.
Itoophiyaan fooyyeessii diinagdee gooroo hojiirra oolchuun carraalee invastimantii diijitaaleessuus ibsaniiru.
Haaluma kanaan biyyoonni lameen qonna, beelladdoota, albuudaa fi dameelee biroon tumsa qaban cimsuun barbaachiisadha jedhan.
Dhaabbiileen Maaleezhiyaa carraa daldalaa fi Invastimantii Itoophiyaan qabdutti akka fayyadamaniif haaloonni mijatoon jiraachuus pireezidaanti Taayyeen himaniiru.
Maaleezhiyaan dippiloomaasii irra darbee daldalaa fi invastimantiin babal’isuuf hojiileen hojjechaa jirtu kan dinqiisifatamu kaasuu isanii TOI gabaaseera.