Hanqina raawwiitu keessa ture malee, bu’uurri federaaliizimii rakkoo hin qabu- Aadde Nagaasee Baayisaa

You are currently viewing Hanqina raawwiitu keessa ture malee, bu’uurri federaaliizimii rakkoo hin qabu- Aadde Nagaasee Baayisaa

‎AMN PLUS – Sadaasa 16/2018

‎Uummanni Itoophiyaa cunqursaa afaan, aadaafi seenaa irra jiru qolachuuf qabsoo adda addaa taasisaa akka ture Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa kan ta’an Aadde Nagaasee Baayisaa ibsan.

‎Qabsoon mirga Uummataas heera mootummaa Itoophiyaa bara 1987 jalqabeen hojiirra oolaa akka ture kan himan Aadde Nagaaseen imala jijjiiramaatiin wal-qixxummaan sabootaafi Sablammootaa akka mirkanaa’e turtii AMN PLUS qophii Roga Dubbii irratti ibsaniiru.

‎Sirni federaalaa Itoophiyaa sab-daneessummaa mirkaneessuun wal-qixxummaa afaanii, aadaafi seenaa sabootaa, sab-lammootaa fi uummatootaa dhugoomsuun bu’uurri mirga hawaasaa, siyaasaafi dinagdee akka dagaagu taasisuu isaa dubbataniiru.

‎”Faayidaan siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa akka mirkanaa’u heeraan sirna federaalizimii duraanii irratti haa barreeffamuu malee hojiirra oolmaan isaa gahaa miti” kan jedhan Aadde Nagaaseen jijjiirama booda wal-qixxummaan sabootaa, sab-lammootaa fi uummatootaa akka dagaagee mul’achaa jiru kaasaniiru.

Aadde Nagaaseen, “hanqina raawwiitu keessa ture malee, bu’uurri sirna federaaliizimii rakkoo hin qabu” jechuun ibsaniiru.

‎Caseeffama sirna duraanitiin hirmaannaan dubartootaa baay’ee akka hin jirre kan ibsan Aadde Nagaaseen, mootummaan jijjiiramaa hoggansaa dubartootaaf dursa kennee waan hedduu akka fooyyesse dubbataniiru.

‎Aadde Nagaaseen bu’aan jijjiiraman argame guddaa akka ta’e kan himan, hacuuccaan yaada bilisaan ibsachuu irra ture sirna duraanii keessatti calaqqiisifamaa ture sun amma akka hin jirres kaasaniiru.

‎Paartileen morkattootaa yaada isaanii bilisaan kaasuun akka ibsachaa jiran kan himan miseensi Mana Mare Bakka Bu’oota Uummataa, bu’aan argames kan hoggansa jijjiiramaa akka ta’e hubachiisaniiru.

‎Gama misoomaatiin aadaan hojii kan jijjiiramuu eeruun jallisii fayyadamuun waggaatti al-tokko irraa yeroo lamaafi sanii ol oomishuun akka danda’ame kan dubbataniiru.

‎Qabeenya tuurizimii biyyi qabduunis hojiin guddaan akka hojjetame ibsaniiru.

‎”Tarkaanfiin akka biyyaatti qabeenya uumamaatti fayyadamuuf eegalame agarsiistuu leecalloo ofiitti fayyadamuu akka ta’e himuun, oomishni boba’aa uumamaa eegale ol-ka’iinsa biyyaa kan mirkaneessuudha” jedhaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply