Namoota yakka malaammaltummaa xaa’oon walqabatu birrii biliyoona 5.6 oliin shakkaman 11 irratti himannaan banamuu Poolisiin Federaalaa ibse

AMN PLUS- Sadaasa 18/ 2018

Shakkamtoota 11 qorannaan yakka malaamaltummaa cimaa irratti qulqullaa’erratti himannaan banamee, gara mana amala sirreessaatti ergamuusaanii Poolisiin Federaalaa ibse.

Shakkamtoonni himataman kunneenis:-

1. Obbo Kiflee W/Maariyaam: Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Korporeeshiinii Hojiiwwan Qonnaa Itoophiyaa kan turan

2. Obbo Walda’aab Damissee: Korporeeshiinii Hojiiwwan Qonnaa Itoophiyaatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaa ittaanaa Damee Dhiheessiifi galtee Oomisha Qonnaafi Walitti qabaa Koree Bittaa Xaa’oo Biyyee kan turan

3. Obbo Tansaay Meeccaa W/Sillaasee: Korporeeshiinii Hojiiwwan Qonnaa Itoophiyaatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaa ittaanaa Damee Hoggansa Qabeenyaa Korporeetiifi Miseensa Koree Bittaa Xaa’oo Biyyee kan turan

4. Manbara Haayila Maariyaam Nagaasaa: Korporeeshiinii Hojiiwwan Qonnaa Itoophiyaatti Hojii Raawwachiiftuu Olaantuu ittaantuu Damee Faayinaansii Korporeetiif Miseensa Koree Bittaa Xaa’oo Biyyee kan turan

5. Obbo Miliyoon Garramaw Isheetuu: Korporeeshiinii Hojiiwwan Qonnaa Itiyoophiyaatti Ogeessa Olaanaa Bittaa, Barreessaafi miseensa Koree Bittaa Xaa’oo Biyyee kan turan

6. Obbo Salamoon Gabree Malaak: Korporeeshiinii Hojiiwwan Qonnaa Itiyoophiyaatti Hojii raawwachiisaa Damee Dhiheessii guddistoota Oomishaa, miseensa Koree Bittaa Xaa’oo Biyyee korporeeshinichaa, barreessaa Koree Bittaa Xaa’oo Biyyee Biyyaaleessaa kan turan

7. Obbo Mangistuu Tasfaa Laaqa: Ministeera Qonnaatti, Dursaa hojii dhiheessii galtee, Walitti qabaa Koree Teeknikaalaa Bittaa Xaa’oo Biyyee kan turan

8. Obbo Zalaalam Daayyee Rorrisaa: Korporeeshiinii Hojiiwwan Qonnaa Itiyoophiyaatti Ittigaafatamaa Kutaa Bittaa Galteefi Tiraanzitii kan turan

9. Kaapiteen Wandiwasan Kaasaa Asaffaa: Hojii Raawwachiisaa Ittaanaa Geejjiba Galaanaafi Lojistiksii Itiyoophiyaa kan turan

10. Obbo Tsaggaayee Baariha Kidaanuu: Dhaabbata Madaala Waliigaltee Itiyoophiyaatti Daareektara Daarektooretii Inispeekishinii kan turan

11. Obbo Allabaachoo Mooltot Daanyee: Ittigaafatamaa Waajjira Damee Jibuutii Dhaabbata Madaala Waliigaltee Itoophiyaa kan turan.

Gocha yakka malaammaltummaan shakkamaniin himannaan kan irratti baname shakkamtoonni kunneen, aangoo isaaniitti kenname gareefi dhuunfaan haala hinmalleen fayyadamuun mootummoonni naannoo, Korporeeshiiniin Hojiiwwan Qonnaa Itoophiyaa, bittaan xaa’oo biyyee idil-addunyaa akka raawwatamu bakka bu’ummaa kennaniifi murteewwan Boordii Hoggansa hojii Korporeshinii, qajeelfamoota Bittaa, waliigalteewwaniif danbiiwwan cabsuun yaakka kana kan raawwatanii jedheera.

Walumaagalatti, Doolaara Ameerikaa Miliyoona 40fi Kuma 200fi kuma 96fi 860 ykn Birrii Biliyoona 5fi Miliyoona 600 olitti tilmaamamu faayidaa dhuunfaaf oolchuun uummataafi mootummaa irratti miidhaa geesisuusaanii Poolisiin Feederaalaa ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply