Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattootaa kabajuun tokkummaa biyyaalessaa cimsuun ni danda’ama- Af-Yaa’ii Aganyaw Tashaagar

You are currently viewing Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattootaa kabajuun tokkummaa biyyaalessaa cimsuun ni danda’ama- Af-Yaa’ii Aganyaw Tashaagar

AMN PLUS- Sadaasa 24/2018

‎Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattootaa kabajuun tokkummaa biyyaalessaa cimsuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuun akka danda’amu Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyaw Tashaagar ibsan.

Kabaja guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaa Naannoo Amaaraa Magaalaa Dabra Birhaanitti taasifame irratti kan argaman Aganyaw Tashaagar, “uummattootni aadaafi duudhaa isaanii dirreetti bahuun kan agarsiisan waliin jiraachuus akka danda’an mul’isaniiru” jedhan.

‎Haaluma kanaan biyya ijaaruuf kan dandeessisu sirni Federaalaa akka jiraatu taasisuun tokkummaa biyyaalessaa cimsuun uummatni walitti hidhamiinsan akka jiraataniif gumaacha olaanaa akka qabus ibsaniiru.

‎Af-Yaa’iin Mana Maree Naannoo Amaaraa Faantuu Tasfaayee gamasaaniin guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattootaa tokkummaa biyyaalessaa cimsuu haala danda’uun akka kabajame ibsaniiru

‎Guyyaan Kun Aadaafi duudhaa hawaasaa eeguufi kununsuun dhalootaaf dabarsuu keessatti gahee olaanaa akka qabus ibsamuu isaa TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply