Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Kutaa magaalaa Nifaas silki Laaftootti bakka jiraattoonni Piyaassaa duraanii jiraatan daawwataniiru.
Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, “Har’a ganama Kutaa magaalaa Nifaas Silkii Laaftootti qe’ee Jiraattonni Piyaasaa duraanii itti galan daawwanneerra” jedhan.
Bakki tapha ijoollee, dirreen Ispoortii dargaggootaa, suuqiwwan jiraattotaaf carraa hojii uumanii fi bu’uuraaleen misoomaa waloo guutameefi arguutti gammaduus Aadde Adaanech ibsaniiru.