“Akka Singaapoor osoo hin taane, akka Itoophiyaa ta’aa!”- Gaazexaa Keeniyaa

You are currently viewing “Akka Singaapoor osoo hin taane, akka Itoophiyaa ta’aa!”- Gaazexaa Keeniyaa

‎AMN PLUS- Sadaasa 29/2018

‎Gaazexaan Keeniyaa “Istaandaard” jedhamu hojiilee misoomaa Finfinneetti saffisaan raawwatamaa jiran dinqisiifate.

Misooma kooriidarii fi modeela misoomaa, ofitti amanamummaa Itoophiyaan hojjatamaa jiru dinqisiifateera.

‎Gaazexaan kun muuxannoon Itoophiyaa biyyoota Afrikaaf fakkeenya guddaa ta’uu eereera.

‎Gaazexaan Istaandaard milkaa’inni Finfinneen Misooma Kooriidariin agarsiiste liqaa “IMF” irraa osoo hin taane, gibira lammiileen biyyattii kaffalaniin ta’uu ibseera.

‎Muuxannoon baasiifi ogeeyyii ofiin ijaaruu kun Ijaarsa Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha (GERD) irraa kan itti fufe ta’uus kaaseera.

‎Gaggeessitootni Keeniyaa yeroo ammaa “Biyya keenya waggoota Shan keessatti akka Singaapoor taasisna” jedhanii dhaadachuu irra “Akka Itoophiyaatti” jechuun modeela gahumsa biyya keessaa fayyadamuu akka hordofan yaadachiiseera.

‎Finfinneen yeroo ammaa mukkeen magariisaan miidhaguun, qulqulluu fi sochii tiraafikaaf mijattuu ta’uun fakkeenya akka taate ibseera.

‎Magaalaan Finfinnee Kantiibaa cimtuufi gaamettiin gaggeeffamaa faawunteenii bishaanii bareedaa, agarsiisa ifaa faaruu biyyaalessaan wal simeefi paarkota bal’ina qabaniin faayamuun, magaalaa hawwattummaa isheen kan boojitu akka taate gaazexaan “Istaandaard” beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply