Har’a seenaa Poolisii Finfinnee keessatti boqonnaan haaraan banameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Har’a seenaa Poolisii Finfinnee keessatti boqonnaan haaraan banameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Mudde 20/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Kutaalee Magaalaa Fifinneetti Waajjiraalee Poolisiif Ittisa Balaa Abiddaa 32 eebbisuun hojii eegalchiisan.

Qajeelcha Poolisii, Buufataalee Poolisii, Kaampiiwwan, akkasumas dhaabbilee ittisa balaa abiddaa bifa ammayyaan ijaaraman tajaajila eegaluu Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.

“Hojiin kun magaalaa keenyatti tajaajila poolisiifi ittisa balaa abiddaa gara uummataatti dhiyeessuun hawaasni ijaarsa nageenyaafi hojii naannoo eeguu keessatti abbummaan akka hirmaatu taasisa” jedhaniiru.

Dhaabbileen kunneen sadarkaa guddina magaalaan Finfinnee irra geesse waliin walsimuun ijaaramuun dabalata, bu’uuraalee misoomaa teekinooloojii fayyadaman, bakka tursiisa daa’immanii fi kilinika akkasumas tooftaa odeeffannoo ammayyaa fi meeshaalee ittisa balaa of keessatti kan hamate ta’uu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply