Marsariitiin “Simple Flying” jedhamu buufatalee xiyyaaraa Idil Addunyaa Gurguddaa 15 Bara Faranjootaa 2026 Ijaarsa irratti argamaniifi ijaarsi isaanii eegalu ilaalchisee odeeffannoo hordoftoota isaa biraan gahee jira.
Seenaa aviyeeshinii Addunyaa keessatti, buufataleen xiyyaarotaaf kunneen kanneen imaltoota geejjibsiisan qofa osoo hin taane, magaalota aviyeeshinii gurguddoos tahu.
Pirojektootni meeggaa 15 kunneen baasii doolaara Biliyoona 250 ol kan gaafatan yoo tahu, sochii imaltootaa sadarkaa olaanaatti akka gedderan eegama.
Pirojektoota buufatalee xiyyaaraa Idil Addunyaa gurguddoo 15 keessaa buufatni Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) har’a Ijaarsa isaa eegalchiisan Isa tokko yoo tahu, sadarkaa 3ffaa qabatee jira.
Pirojektootni Meeggaa kanneeniifi biyyoota isaan keessatti ijaaraman
Al- Maaktum (Eemireetota Arabaa Gamtoomanii
Mootii Salmaan (Saa’udi Arabiyaa)
Bishooftuu (Itoophiyaa)
Niw Maanilaa (Filiippinsi)
Loong Taanih (Veetinaam)
Nooyidaa (Hindii)
Soolidaariitii Tiraansipoort Haab/CPK/ (Poolaand)
Chaangii Tarminaal Faayif(Singaapoor)
Joon Eegi Kenedii (Niw Yoork/Ameerikaa)
Siidinii Lixaa (Awustiraaliyaa)
Hoong Koong (Hoong Koong)
Iincheyoon (Kooriyaa Kibbaa)
Suvaarnaabumii (Taayilaand)
Naavii Mumbeey (Hindii)
Eel Ee Eeksi/LAX/ ( Loos Aanjalas/Ameerikaa) dha.
Madda: Simple Flying